bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Galatians 6
Galatians 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa.
2
Isin keessaa tokkoon tokkoon ba'aa ulffaataa nama bira'aa haa baadhatu, bifa kanaan Seera Kristosii ni raawwattan.
3
Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba.
4
Tokkoon tokkoon namaa hujii mataa isaa qoratee haa qormaatu, kanaan duubatti mataa isaa kaaniin woliin wol dorgomssiisu'uun uduu hin ta'in, mataa isaa qofaa waan ittiin dhaadatu haa argatu.
5
Tokkoon tokkoon namaatuu ba'aa mataa isaa baadhachuu ni qaba.
6
Dubbii isaa naminni baratu barsiisaa isaa woliin, waan mishaa maraa haa qoodamu.
7
Mataa keessan hin sobinaa, naminni ka haamatu waanuma facaase waan ta'eef, Waaqa irratti hin balddinaa,
8
Foon isaa gammachiisu'uuf ka facaasu foon isaa irraa du'a ni haamata, Hafuura gammachiisu'uuf ka facaasu Hafuura irraa, jireenna bara baraa ni haamata.
9
Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu.
10
Yeroo mijaayaa yoo arganne namoota maraaf gonkumaa maatii namoota hin amanneetiif, waan mishaa haa raawwanuu.
11
Qubeewwan ol aanttota attam jiraniin kana harka kiyyaan akka isiniif barreesse laala!
12
Akka gadoomittaniif worri isin dirqisiisan ala keessa mishaa fakkaatanii namoota muldhachu'uuf barbaadan. Kana ka raawwataniif'llee, waayee fannoo Kristositiin ari'ataminni akka isaan irra hin geenneef jedhaniiti.
13
Isaan foon keessaniin dhaadachu'uuf jedhanii akka gadoomittaniif barbaadan malee, worrummaan gadooman mataan isaanii'llee Seera hin raawwatan.
14
Fannoo Gooftaa keenna Yesus Kristosii malee waan bira'aatiin dhaadachuun ana irraa haa fagaatu, fannoo kanaan'llee biyyi lafaa ana irraa fooyamee jira, ani'llee biyya lafaa irraa fooyamee jira.
15
Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u.
16
Qajeelfama kana worra horddofan maraa fi worra gara Waaqaa Israa'eeloota ta'aniif, nagayaa fi dhiifaminni haa ta'u.
17
Qaama kiyya irra ka jiru malkanni dhaanamu'uu tajaajilaa Yesusii ta'uu kiyya waan mulidhisuuf, ammaa achitti eennu'llee ana hin rakkisin.
18
Yaa obboleeyyan! Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii isin woliin haa ta'u! Ameen.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6