bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Revelation 22
Revelation 22
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,
2
laginni kun'llee karaa magaalatti'ii guddaa jidduu kutee ni dabrra, bita'aa fi mirga lagichaatiin ji'uma ji'aan daraara'aa wogga'atti yeroo kudha lamaaf firii ka kennu, muka jireennaa titu jira ture, baalli mukichaa'llee ummattoota fayyisu'uuf ni tajaajilan.
3
Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan,
4
fuula isaa'llee ni argan, maqaan isaa'llee kallacha isaanii maratti irra ni ta'a,
5
ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman.
6
Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.»
7
Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe.
8
Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe.
9
Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.
10
Itti aansee'llee akkana naan ni jedhe, «Yeroon isaa ka dhiyaate waan ta'eef, dubbii raagaa ka kitaaba kanaa chaapha'aan hin cufiin,
11
ammaa achitti hamaan hammeenna isaatiin hammaachuu itti haa fufu, battiin'llee haa battaayu, qulqullaawomaan'llee ni qulqullaawoma, Qulqullaawaan'llee haa Qulqullaawomu.»
12
«Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa, tokkoo tokkoof'llee akka hujii isaatiin gatii kennu qabadhee jira,
13
Alfa'aa fi Omeegaan, ka duranaatii fi ka maai'ii, ka jalqabaatii fi muummee'llee ana.»
14
Firii muka jireennaa irraa nyaachu'uu fi balbaloonni isi'iitiin'llee gara magaalatti'ii galu'uuf mirga akka qabaataniif, uffata isaanii ka miicatan ka eebbifaman.
15
Akka sare'ee worroota raatayan, ka asmmaa hojjattoonni, sagaagalittoota, lubbuu ajjeefttota, waaqolee harkaan hojjatame waaqeffatoota, soba worra jaalatanii fi karaa dharaatiin worri deeman marrinuu, magaalatti'iin ala ni ta'an.
16
«Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.»
17
Hafuurri Qulqullu'uu fi Idaayyittiin, «Koottu!» ni jedhan, Ka dhagayu'llee, «Koottu!» haa jedhu, ka dheebote'llee haa dhufu, ka barbaade'llee bishaan burqqaa jireennaa gatii woyiituu malee, bilisaan haa dhugu.
18
Kunoo, dubbii raagaa ka kitaaba kana keessatti barreeffamee ka dhagayu maraa ufi ni eeggachiisaan, eennu'llee dubbii kana irratti waan tokkoo yoo dabale, kitaaba kana keessatti ka barreeffaman balaawwan Waaqinni isatti ni dabala.
19
Eennu'llee dubbii kitaaba raagaa kana keessatti barreeffaman keessaa waan tokko yoo dhidhise, kitaaba kana keessatti ka himaman firii muka jireennaatii fi magaalaa Qulqullitti'ii, Waaqinni gayaa isaa irraa in dhidhisa.
20
Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!
21
Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesusii isin mara woliin haa ta'u, Ameen.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22