bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 Corinthians 6
1 Corinthians 6
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi'iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura'aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?
2
Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru'uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan?
3
Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree?
4
Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde'a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree?
5
Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?
6
Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi'iin wol dhabee gara Kora Mura'aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa?
7
Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii?
8
Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkitanee saamaartan.
9
Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu,
10
yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
11
Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan.
12
Nami tokko «Wonni marti naaf eeyyatanteerti» jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti naa eeyyatanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu.
13
Nami dhibiin, «Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef» jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.
14
Waaqi Goottaa du'aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du'aa nu hin kaasa.
15
Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te'e hin beettanuu? Maarre ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu'uu godhuu qabaa? Ijjumaa te'uu hin qabu!
16
Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an» jedha.
17
Nami Gootta'atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te'a.
18
Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.
19
Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.
20
Waaqi gati'iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa'a.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16