bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
1 John 1
1 John 1
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.
2
Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna.
3
Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.
4
Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina.
5
Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana.
6
Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.
7
Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.
8
Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu.
9
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa.
10
Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5