bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Daniel 12
Daniel 12
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
1
Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan.
2
Worri hedduun du'ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka'an.
3
Worri qarooleen akka ifa gubba'aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma'aa deebise haga bara baraa akka urji'ii hin ifan.
4
«Ati ammoo Daani'el, haga bara muumme'eetitti, kitaaba san cufii chaappaa itti dhowiitii, dubbii tana dhossii qabadhu; worri hedduun beekkumsa ede'atiisaaf, asii fi achi hin daaqan» jedhe.
5
Achiin duuba ani Daani'el ergantooti dhibiin lamaan tokko irga lagaa gamaan, kuun irga lagaa gamanaan dhaabbataneeranuun dhagge.
6
Isaan keessaa tokkochi ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeruun, «Wonni maade'ee kun yoom muummotti?» jedhe.
7
Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe.
8
Ani waan inni jedhe dhage'e; ammoo hin hubanne. Tanaaf, «Ee, Goottaa kiyya, wonni kun marti teeteen duuba maanti te'a ree?» jedhee gaafadhe.
9
Innille deebisee, «Daani'el, haga bara muumme'eetitti, dubbiin tun dhossa'aan qabantee, chaappaan itti waan dhowameeruuf, ati deem.
10
Worri hedduun qulluu te'anee, qulqulloomanee hin dhimbiibaman; worri hamooleen ammoo hammeenna irratti hammeenna hujan. Worra hamoolee keessaa tokkolle ka woy hubatu hin jiru; worri qarooleen ammoo hin hubatan.
11
«Ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatu akka hafu godhanee, farri badi'iille akka dhaabantu haga godhaneen jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaaf sagaltam hin dabara.
12
Guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii soddomii shan, nami addatamummaan ture hin gammada.
13
«Atille Daani'el, haga muumme'eetitti ka addatante te'i; achiin duuba hin duuta; bara muumme'eetitti ammoo, qooda keeti fudhatiisaaf hin kaata» jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12