bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ecclesiastes 1
Ecclesiastes 1
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 2 →
1
Jechi lallabaa ilma Daawitii, ka Yerusaalem keessatti mootii te'ee, kanatti aanee jira.
2
Lallabaan kun, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Bu'aa hin qaddu! Ijjumaa bu'aa hin qaddu!» jedha.
3
Nami biyya lafaa irratti waan itti elowu maraaf, bu'aa maan dhaggata?
4
Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti.
5
Aduun hin baati, hin seentille'e; gara addee baateetitti deebi'iisaaf hin ariifatti.
6
Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi'a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi'a.
7
Lagi martinuu gara abbaaya'aa yaa'an; te'uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi'an.
8
Wonni marti haga nami dubbatuu dadhabutti nama hifachiitti. Ilti ilaaltee hin quuttu; gurrille dhage'iisaan hin guutamu.
9
Woma dur te'eerutti ammalle te'uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu'uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu.
10
Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande'u jirtii? Wonni sun bara dheera'aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti.
11
Waan bara durii te'e nami qaabatu hin jiru; worri itti aanee dhufulle waan amma te'uu fi waan te'uuf jiru hin qaabatu.
12
Ani, lallabaan Yerusaalemitti mootii Israa'elii te'eeraayyu.
13
Ani waan lafa irratti hujame mara qarumma'aan qorqoriisaaf itti yaade; ilmaan namootaa irratti Waaqi ba'aa attam attam ulfaattu fe'e!
14
Ani waan biyyaa lafaa irratti hujame mara ilaaleera; isaan martinuu bu'aa hin qabanu; akka nama qilleensa ari'ee ti.
15
Wonni micciiramaan qajeeluu hin dande'u; wonni hin jirrelle laakkowamuu hin dande'u.
16
Ani, «Kunoo, ani worra anaan dura Yerusaalemitti mootii te'e mara caalaa, nama guddaa te'eera; qarummaalle ede'adheera» jedhee yaade.
17
Achiin duuba ani qarummaa, maraattummaa, gowwummaalle gargar baasee beekiisaaf itti yaade; kunille ammoo akka nama qilleensa ari'ee akka te'e hubadhe.
18
Qarummaan akkuma bacattuun gaddi bacataa deema; beekkumsi akkuma bacatuun laaleffatisille bacataa deema.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12