bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Malachi 4
Malachi 4
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace'ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu.
2
Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi'ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan.
3
Isin yennaa san worra hamoota san irra hin sirbitan; guyyaa ani waan kana godhu san faana teessan jalatti daadhaa hin te'an.
4
«Barsiisa garbicha kiyya Muuse'ee, seerataa fi ajaja ani gaara Horeebii irratti kolbaa Israa'elii maraaf isatti kenne qaabadha'a.
5
«Kunoo, guyyaan kiyya gudda'aa fi sodaachisaan sun adoo hin dhufiniin dura, ani Eliyaasii raagicha isiniif hin erga.
6
Ani dhufee, lafa abaarsa itti buusee akka hin balleessine, inni gadhaa abbooti'ii gara ijoollee isaanii, gadhaa ijoollee isaanii gara abbootii isaanii hin deebisa» jedha.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4