bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Song of Solomon 3
Song of Solomon 3
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 4 →
1
Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti jaala kiyya ka lubbu'uu barbaade; ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.
2
Ani amma ka'ee qachaa keessa, karaa irra, woldeennaa kara'aa irra deddeemee, jaala kiyya ka lubbu'uu hin barbaada; ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.
3
Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu, na dhaggane; anille, «Jaala kiyya ka lubbu'uu dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.
4
Isaan irra akkuma dabareen, jaala kiyya ka lubbu'uu san dhaggee, isa qabadhe; gara mana haadha tiyyaa, gara kolloo haadha na deetteetitti haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.
5
Ee dubartoota Yerusaalemii, haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti, jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine, ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin, isin magannifadha.
6
Ka lafa goomole'ee keessaa akka duumensa aaraa ol bayiisatti jiru, ka akka fiqiree qumbi'ii fi hixaanaan daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?
7
Kunoo, barcumaan mootumma'aa ka Solomoonii, loltoota hunnaameyyii Israa'elii keessaa ta filatante jaatamaan marfameera.
8
Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan; martinuu muuxannoo lolaa qaban; bidhaa halkaniitiif tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.
9
Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa, barcumaa mootumma'aa ka ifii hujisiifate.
10
Miilli barcumaa mootumma'aa sanii meetii irraa, irkoon isaa worqii irraa, addeen tee'iisaa woyaa dhiille'een gonfameera; keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.
11
Ee Dubartoota Yerusaalemii, dhaqa'aatii kallacha Solomoonii mootichaa, ka haati isaa guyyaa fuudha isaa, guyyaa gadhaan isaa gammadetti itti keette ilaala'a.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8