bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 Peter 1
1 Peter 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa, worra Waaqaa foyantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu,
2
ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu.
3
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.
4
Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera.
5
Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophayee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a.
6
Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a.
7
Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan.
8
Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan.
9
Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan.
10
Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran.
11
Ayyaanni Kiristoosii ka isaan kessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane.
12
Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.
13
Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheesa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a.
14
Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hodofina'a.
15
Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a.
16
Barreeffam Woyyichi, “Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a” jedha.
17
Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru “Abbaa” jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a.
18
Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woyi hin baane, waan badu ka akka meeti'iin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.
19
Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan.
20
Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan foyamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhiffame.
21
Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane.
22
Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jalala dhuga'aatiin jaallataneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a.
23
Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'iin sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan.
24
Sababille Barreeffam Woyyichi “Nami foon uffate duudiin akka marraati; ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aati; marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a.
25
Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a. Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana” hin jedha.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5