bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 Thessalonians 1
1 Thessalonians 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Phawuloos, Silwaanoosii fi Ximootewoos biraa, wolde'a kiristaanaa, ka Waaqa Abba'aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf: Badhaadhaa fi nageenni isiniif te'u.
2
Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna.
3
Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabbanna.
4
Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna.
5
Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu'uun malee, oduu calla'aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan.
6
Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu'uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan.
7
Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya'aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi'iif fakkeenna teetaneertan.
8
Dubbiin Gootta'aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya'aa fi Akaayya'atti dhage'amuu callaa adoo hin te'in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu.
9
Yennaa nuuti gara keesan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitaanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan.
10
Akkasumaa isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du'a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5