bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 Timothy 4
1 Timothy 4
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Bara duubaatittii namooti gariin, ayyaanota wollalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima.
2
Barsiis akkasii kijiboota dhara dubbatiisan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa.
3
Worri kun fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a” jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.
4
Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,
5
isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.
6
Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta.
7
Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjisi.
8
Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba.
9
Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male.
10
Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina.
11
Tana duudii isaan ajajii barsiis.
12
Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalan, dugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin.
13
Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.
14
Kennansa yennaa raagoti dubbaattee fi jaarsooleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin.
15
Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji.
16
Ati mataa keetii fi barsiisa keeti miidhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6