bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
2 Corinthians 11
2 Corinthians 11
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Ani diqqoo gowwoomulle akka anaa ossattanu hin addadha; magane'ee na ossadha'a.
2
Ani akka durra duudduu qulqullitti'ii Kiristoosii abbaa manaa tokkochatti, isin heerunsiisiisaaf waan isin kadhadheeruuf, akkuma Waaqi hinaafu anille isin hinaafa.
3
Akkuma bofi maltumma'aan Hewwaan sobe, yaadi keessanille gara badee qajeelumma'aa fi qulqullummaa Kiristoosiif qaddanu irraa isin gorsinnaa jedhee sodaadha.
4
Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u.
5
Ani ammoo karaa tokkolle'een ergantoota guguurddoo tana irraa waan diqqaadhu hin seyu.
6
Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkunsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra.
7
Ani gatii malee Oduu Gammadaa ta Waaqaa waan isinii lallabeef, akka isin ol jettanuuf ifi gad qabuu kiyyaan cubbuu hujee ree?
8
Isin tajaajiliisaaf, wolde'oota kiristaanaa dhibii irraa qarqaarsa waan fudhadheef, ani isaan saameera.
9
Yennaa isin woliin jiraataa woyi dhabee rakkadhe, obboleeyaan Maqedooniiya'aa dhufane waan anaa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u.
10
Dhugaan Kiristoosii haga na keessa jirtu, eennulle ifi jajuu kiyya kana lafa Akaayya'aa keessatti na hin dhooggu.
11
Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? Akka ani isin jaaladhu Waaqinuu hin beeka.
12
Ergantooti dhibiin sun, “Nuutille akkuma isaanii hujaarra” jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha.
13
Namooti akkasii ergantoota Kiristoosii fakkaatiisaaf worra ifi jijjiiru, ergantoota sobaatii fi hojjattoota maltoole'e.
14
Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira.
15
Tanaaf tajaajiltooti Seexanaa tajaajiltoota balchumma'aa fakkaatiisaaf yoo ifi jijjiirane hin baaseffachiisu. Muummee irratti gatii hujii ifii hin dhaggatan.
16
Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti ana fudhadha'a.
17
Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti.
18
Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja.
19
Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan.
20
Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan.
21
Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha. Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha.
22
Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Isiraa'eliitii? Anille nama Isiraa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abiraamii ti.
23
Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera.
24
Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera.
25
Yennaa sadi ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sadi caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera.
26
Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan santootaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera.
27
Hujii hantuu hujee, akka malee eloyeera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera.
28
Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaadda'aa ture.
29
Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera?
30
Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja.
31
Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galatoonfame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka.
32
Yennaa ani qachaa Damaasiqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, ana qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture.
33
Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13