bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
2 Thessalonians 3
2 Thessalonians 3
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
1
Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a.
2
Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameeyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a.
3
Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega.
4
Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraallee ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna.
5
Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.
6
Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.
7
Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan.
8
Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoollee akkasumaan hin nyaanne.
9
Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti.
10
Nuuti yennaa isin bira jirru, “Nami hujiisa jibbu hin nyaatin” jennee ajaja isiniif kennineerra.
11
Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu.
12
Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e.
13
Obboleyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabiina'a.
14
Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a.
15
Teetuu malee akka obboleesaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkoyina'a.
16
Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Gottaan isin mara woliin jiraatu.
17
Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessis ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana.
18
Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
All chapters:
1
2
3