bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Ephesians 5
Ephesians 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Isin jaallatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema'a.
2
Akkuma Kiristoos nu jaallatee, akka kennansa uddowa'aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu'uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha'a.
3
Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te'uu lakkisiitii, oduunuu dhage'amuu hin qaddu.
4
Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a.
5
Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqefatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka'a.
6
Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti.
7
Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina'a.
8
Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta'aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha'a.
9
Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi.
10
Waan Goottaa gammachiisu qorqora'aatii bira geya'a.
11
Hujii dukkanaa, ta bu'aa hin qanne san, ifatti baasa'a malee, itti hin hirmaatina'a.
12
Waan isaan dhossa'atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.
13
Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi'ii dhugichi ifa te'ee hin mudhata;
14
Sababille ifi waan mara mudhisa. Tanaaf, “Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi! “Du'a keessaa ka'i! “Kiristoos si'iif hin issa” jedhame.
15
Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a.
16
Barri kun hamaa waan te'eef, yennaa dagu'uu maratti fayyadama'a.
17
Fedhiin Gootta'aa maan akka teete hubadhaa malee, gowwoolee hin te'ina'a.
18
Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a.
19
Faaru'uu fi faruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a.
20
Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba'aaf galata galcha'a.
21
Ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii woliif ajajama'a.
22
Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti.
23
Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a.
24
Wolde'i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti.
25
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaa jaallatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaalladha'a.
26
Inni wolde'a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.
27
Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde'a kiristaanaa gara ifii dhikeessa.
28
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaallattu haadhotii manaa ifiille jaallatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaallatu ifi jaallata.
29
Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
30
Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti.
31
Barreeffam Woyyichi, “Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te'an” jedha.
32
Kun dhossaa guddo'o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde'a kiristaanaa dubbatiisatti jira.
33
Te'uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaallattanu haadha manaa teessan jaalladha'a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6