bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Philemon 1
Philemon 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
1
Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf,
2
obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolti qabamuuf:
3
Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u!
4
Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabbadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha.
5
Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera.
6
Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha.
7
Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjajabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
8
Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;
9
te'uu malee jaalalaan si kadhadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru,
10
marroo ilma kiyya Oneesmoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si kadhadha.
11
Dur inni nama si'iif wo bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille wo hin baya.
12
Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaalladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera.
13
Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, ana woliin as akka turuuf fedheeraayyu.
14
Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atiin womaa godhiisaaf hin barbaanne.
15
Oneesmoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a.
16
Haganaan achi, inni obboleessa jaallatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni anaaf jaallatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaallatama'a.
17
Maarre waa'ela keeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma ana fudhattu isalle fudhadhu.
18
Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate anatti laakkoyi!
19
Ani Phawuloos, “Si'iif deebisee hin kaffala” jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu ana hin barbaachisu.
20
Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana anaaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.
21
Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa.
22
Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu anaaf qopheessa'a.
23
Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee ana woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama.
24
Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman.
25
Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1