bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Philippians 4
Philippians 4
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaalladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a.
2
Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu kadhadha.
3
Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubbartoota tana akka gargaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf ana woliin jabaatanee hujaneeran.
4
Yennaa mara Gotta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a!
5
Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.
6
Maarre daadimataan, kadha'aa fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a.
7
Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega.
8
Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a!
9
Waan ana irraa barattane, waan ana irraa fudhattane, waan ana irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.
10
Yennaa heddu'uun duuba ammalle anaaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan anaaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.
11
Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, “Ka qabuu na geya” jechuu baradheera.
12
Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera.
13
Hunna Kiristoos anaaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.
14
Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan.
15
Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na gargaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.
16
Yennaa ani Tasalonqe'elletti rakkadhe, itti deddeebitanee gargaarsa anaaf ergitaneertan.
17
Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti.
18
Waan anaaf barbaachisuu fi haga anaaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijooteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.
19
Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.
20
Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen.
21
Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya anaaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti.
22
Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama.
23
Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4