bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 John 1
2 John 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Anin Jaarsii, gara Jaartii Waaqii foohateetii fi ijoollee isii ta ani guddoo jaaladhuu barreessa. Ani callaan isan hinjaaladhuu, namii dhugaa beeku cuftii isan jaalata.
2
Wantii akkanaatiif dhugaan nu keessa jirti, ammallee haga hegerii nu waliin teeti.
3
Aabboo Waaqaa fi Yesus Kiristoon, Ilmii Aabboo, eebba, naasuu fi nagaya nuu kenninnaa; wantii kunin cuftii ha dhugaa fi jaalalaan teenna taatu.
4
Anin akka ijoolleen tantee ta garii dhugaa keessa teettu arginaan, akkuma Abboo Waaqii nutti hime guddoo gammade.
5
Tanaaf anin akka, nuun cuftii waljaalannu si kadhadhaa, Seerii anin sii barreessu kunin haareessaaniti; seeruma haga duriiti harkaa qamnu.
6
Jaalaltii anin waan isii dubbadhu tunin, “Seera Waaqaa guutuu maltan” nuun jetti. Seerii isan haguma duriitii dhageettan, ka “Waljaaladhaa!” jedhu kana.
7
Namii nama wallalchisu hedduun ka “Yesus Kiristoon nama ta'ee hindhumne” jedhu, ya lafa dhufee namii akkanaa kunin nama dharaati, innii nyaapha Kiristooti.
8
Akka waan hojjattanii argattan hinballeesine, uf eegadhaa; galata keessan ammoo akka dansaa argattan.
9
Namii barsiisa Kiristoo keessa hinteenne, biraa dabruu, Waaqaa hinqabu. Namii barsiisa sun keessa taa'u Abbaa fi Ilmaallee inqaba.
10
Yo namii dhufe barsiisa kanaan sitti hindhumne, nama sunii balbala mana keetii duraa hinbaniin; nagayaallee hinfuudhin.
11
Wantii akkanaatiif namii nagaa isa fuudhu cuftii waan hamtuu innii tolchu isa waliin qoodata.
12
Anin waan hedduu ka sitti himu qaba, ammoo waraqata ergaa irraatti barreessuu hinfedhu; akka dhufee isaniin haasa'ee, nuun cuftii gammanu la herrege.
13
Ijoolleen obboleetti tantee ta Waaqii foohatee, nagaa sii dhaamti.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1