bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
3 John 1
3 John 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Anin jaarsii, Gaayoos ka guddoo jaaladhuutti barreessa.
2
Jaala kiyya, anin akkuma lubbun tantee fayyaa, akka nafii keetiilleen fayyaa ta'ee atin nagayaan teettu, Waaqaa sii kadhadhaa.
3
Obboleeyyan takka dhuftee akka atin akkuma durii dhugaa keessa jirtu natti himtee, anin guddoo gammade.
4
Wantii ijoollee tiyya ta dhugaa keessa teettu irra na gamachiisaa hinjirtu.
5
Jaala kiyya yo obboleeyyan qarqaartu, adoo warri keessumma taateellee, waan guddoo dansaa tolchita.
6
Jaalala tantee ya gumii armaatti haasa'an. Akka imaltuun warraa karaa Waaqii fedhuun toltu warra qarqaari.
7
Warrii ka'eetti ka qarqaarsa nama hindhugeefatiniillee irraa hinfeenee, hujii Kiristoo tolchuuf imaltuu dhaqe.
8
Nu'uun Kiristaanaa akka hujii dhugaa warra waliin qoodannu jara kana qarqaaruu malle.
9
Anin Ergaa diqqoo takka gara gumii barreesse, ammoo namichii “Diyootree” jedhan ka guddaa warra ta'uu fedhu, dubbii tiyya homaattuu hindare.
10
Anin yo dhufee, waan hamtuu innii tolchee fi kiyyiba innii dubbateellee cufaa diidaatti baasa. Wantii kun ammoo isa hingeennee innii yo obboleeyyan dhufte warra hinkeessummessu, ammallee jara warra Keessummeessu fedhuullee dhowweetti gumii keessa baasuu fedha.
11
Jaala kiyya waan hamtuu gula hindeemin, waan dansaa gula deemi. Namii waan dansaa tolchu cufti ka Waaqaati; ka waan hamtuu tolchu Waaqaa hingarre.
12
Nami cuftii waan Demeexros dansaa dubbata; dhugaalleen waan isaa dansaa dubbati. Nulleen dhugaa teenna itti darraa, atuu akka wantii nu jenne dhugaa inbeetta.
13
Anin waan hedduu sitti himuu malee, ammoo waraqata ergaa irraatti barreessuu hinfedhu.
14
Akka dhi'oottuu si argu la herregee gaafasi walhaasomna.
15
Nagaa keessa taa'i. Jaallan tantee cuftii nagaa dhaamti. Jaallaan teenna cufa nagaa itti naa himi.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1