bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Jude 1
Jude 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Maqaan kiyya Yihuda, ka hojjattuu Yesus Kiristoosiitii fi obboleessa Yaaqoob; ergaa tana gara warra Waaqii yaamee, ka jaalala Aabboo Waaqaa keessa taa'uu fi ka eegumsa Yesus Kiristoos jala jiruu barreessa.
2
Naasuu, nagayaa fi jaalalti isanii ha heddattuu!
3
Jaallan tiyya, anin akka waan baafamaa nuun cuftii waliin qamnuu, guddoo isanii barreessuu herrege; duuba ergaa tanaa ya isanii barreesse; akka isan jabaattanii, dhugeeffachaa Waaqii gumii isaa cufaa marroo tokkoo kenne jabeessitanii badii dhowwitan.
4
Wantii akkanaatiif, namii garii ka Waaqaa hin beennee, adoo nu hin beekinuu akka dharraa ufii guutatuu ya jidduu teenna duude; dubbii eebba Waaqaa garagalchee Yesus Kiristoo Aabboo keenna tokkochaallee dide. Dubbiin ragaa ta durii barreessan qulqulloon qorsummaa warrii sun argatu himti.
5
Anin adoo isan waan kana akka dansaa beettanillee, akka Aabboon gosa Israa'elii lafa Misirii keessaa baasee, ammoo eegii sunii warra isa hin dhugeeffatin cufaa balleessee isan qaabsisuu fedha.
6
Ergamtoota Waaqaa ta fulaa ufii lakkiftee fulaa isii hin malin yaate qaabadhaa! Waaqii warra ya haga jiruu jireennaa haada sibiilatiin dukkana lafa jalaa keessatti hidhee; akka guyyaa jabaa wallaala itti muran eegatu.
7
Akkuma sun warra Sodoomii, Gomoraa fi dira lafa sunii cufaa qaabadhaa! Warrii dira sunii shaarmuxoomaa fi hammeenna takka hin argin gula yaa'ee; gaargala ibiddaa argate; akka akkasiin nama cufaa gorsa taatu.
8
Warrii Waaqaa hin beenne ka oobjuu gula yaa'ee nafa ufii balleessee, jabeenna Waaqaa tuffatee, guddinna gubba ka jabeenna qabu arrabsee kuniilleen akkasuma taha.
9
Mikaa'el, guddaan ergamtootaayyuu gaafa reeffa Muusee irraatti sheexanaan walmormee, sheexana hin arrabsinee “Aabboon Waaqii siin dheekkaminnaa been” jedheen.
10
Warrii kun ammoo waan hubachuu dadhabe cufaa hin abaara; ammallee wantii warrii akka bineensa wa suufee beekuu waan warra balleessaa callaa.
11
Gaargala warraatii! Warrii karaa Qaayin deeme gula yaa'e, akkuma bala'aam marroo horiitiif wallaala gula badanii; ya akkuma Qoraahiin mormee lole lolanii ufi balleessan.
12
Ammallee warrii farsoo dhugee ceeraa fokkoo dhabee jila teessan ta jaalalaallee isan dura xureessaa. Warrii uf callaa qorqorata; warrii akka duumansa bokkaa hinqamnee, ka bubbeen dhooftee jira; muka caamsaa ka midhaan hin baamnee ka buqqisanii gogee fakkaata.
13
Akkuma dhawaan galaanaa yo wal dhooftu hoomachii gubbaa mullatuu, hujiin warraa hamtuulleen akkuma hoomacha sunii mullatti. Warrii akka urjii ceetuu jira; Waaaqii ya dukkana siphee ta haga jiruu jireennaa kessa taa'an warraa midhaasse.
14
Henook dhaloota Addaam irraa qabee ka nama torbeessoo, waan warraa fagee, “Ilaalaa, Aabboon akka nama cufaatti muru ergamtoota ufii qulqulloo kuunkii waliin dhufaa;
15
akka nama Waaqaa hin beenne cufaa marroo hujii hamtuu warrii tolcheetiif, ammallee marroo dubbii hamtuu warrii Waaqaan jedhee wallaala itti muru” jedhe.
16
Warrii kun yo cufaa waan tokkolleetti hin gammaduu hin gungumaa, fedhii mataa isaanii hamtuu gula yaa'an. Warrii waan ufii fedhu yo argatuu uf guddiseetti nama soba.
17
Jaallan tiyya, isan ammoo waan durii jarii Aabboo keenna Yesus kiristoo isanitti himee qaabadhaa!
18
Warrii, “Gaafa guyyaan muummee ga'ee, nama isan kobluutti dhufa, ka dharraa hamtuu ufi callaa gula yaa'u” jedhanii ya isaniitti himan.
19
Warrii kunin Hafuura Qulqulloollee hin qabuu fedhii nafa ufi gula yaa'eetti gargarii nama baasa.
20
Jaallaan tiyya isan ammoo dhugeeffachaa teessan qulqulloo jabeessaa gula yaa'aa! Jabeenna Hafuura Qulqullootiin Waaqaa kadhadhaa!
21
Jaalala Waaqaa keessa taa'aa, Aabboo Yesus kiristoo ka naasuu ufiitiin jireenna hegerii isanii kennu eeggadhaa!
22
Warra mamee herrega lama qabuu nahaa!
23
Warra kana ka garii butaa ibiddaa keessaa baasaa! Ka garii ammoo wayaa warraa ta cubbuu foon isaaniitiin battoofteeyyuu jibbaa, sodaan garaa laafinna argisiisaa!
24
Waaqii akka isan hin gufannee aaboo tokko malee gammada guddaan fuula ufii dura isan dhaabuu danda'a.
25
Keennaa karaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiin, Waaqaa tokkochaa baasaa keennaati! ulfinnaa, guddinnaa, humnaa fi jabeennii ka duriiti, ka ammaatii fi ka hegeriilleen isaa ha ta'uu, ammaa fi hegeriillee! Ee'e jenne!
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1