bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Philemon 1
Philemon 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Anin Phaawuloo, ka marroo Kiristoo Yesusiitiifi hidhan; ammallee obboleessa keenna Ximotewos waliin jira. Ergaa tana aninii gara jaala keenna Filemonii ka nu waliin hojjatuu,
2
gara gumii mana kanke keessaatti wal waldeettuu, gara obboleettii teenna Aphifiyaa fi Arkiphoos ka dubbii Waaqaa nu waliin hojjatu barreessa.
3
Waaqii Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoos eebbaa fi nagaya isanii kenninna.
4
Anin yoo Waaqaa kadhadhu cufaa, si'ii obboleessa kiyya Filemon qaabadhee galata Waaqaa deebisa.
5
Maaniif anin jaalala atin gumii Waaqaa cufaa jaalattuu fi dhugeeffachaa atin Aabboo Yesus dhugeeffattuu ya dhagaye.
6
Wantii anin yoo cufaa Waaqaa kadhadhuu, akka innii waldhaqiisa keenna, dhugeeffachaa teenna keessa, hubachaa eebbaa ta Kiristoo keessa jirtuu, ta hagas irra guddoo nuu kennu.
7
Obboleessa kiyya, waan atin nama Waaqaa cufaa gammachiifteef jaalaltii tantee yaa gammadaa fi jabeenna guddaa naa kennite.
8
Tanaaf nuun cuftii waan nama Kiristoo taaneef anin silaa garaa jabaadhee waan atin tolchuu malte tolchi siin jedha.
9
Ammoo anin Phaawuloos jaarsii guddaan, ammallee ka marroo Kiristoo Yesusiitiif jedhee hidhaansa keessa jiruu, jaalalaaf jedhee anin wa si kadhadha.
10
Anin marroo ilma kiyya Oneesimosii, ka gaafa anin hidhaansa keessa jirullee dhugeeffachaan ilma naa taheef si kadhadha.
11
Durii innii homaa sii hin bahu, ammoo amma anaa fi sillee wa baha.
12
Anin isa guddoo jaaladha, taatullee ammoo deebisetti gara kankee erga.
13
Anini isa ka arma na waliin taa'u fedha, akka innii fulaa tantee, haga anin marroo Oduu dansaatiif hidhaansa keessa jiru, na qarqaaru.
14
Taatullee anin irreen, na qarqaar siin hin jedhu; ammoo sii fedhii teetiin tolchitu fedha. Tanaaf haga atin eeyee jettutti anin homaa hin tolchu.
15
Malaa wannii Oneesimos diqqoo si biraa deemeef, akka yoo fulaa teetitti deebi'ee haga jiru cufaa si waliin taa'uf.
16
Armaa achi innii akka tisseetiiniti akka obboleessa jaalatanii ta'ee si waliin taa'a. Inni naa jaala dansaa, sii ammoo; marroo wa'ille hojjate, kiristoolleen obbolleesa sii ta'eef hagasi caalaa jaala dansaa.
17
Tanaaf yoo akka obboleessaatti na herregattee isallee akkuma na herregattu herregadhu.
18
Yoo innii wallaala tokkollee si tolchee yokaan gatii tante qabaatellee, natti herregadhu sii baasaa.
19
Anin Phaawuloon sii baasa jedhee, waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Ammoo akka atin jireennuma kankee kanaa marroo tiyyaaf qabduu si qabsisuu hinfedhu.
20
Tanaaf obboleessa kiyyaa, maqaa Aabbootiif waan kana naa tolchi Kiristoof jedhii garaa na gammachiisi.
21
Anin yoo waan kana barreessuu, akka atin waan kana naa tolchituu fi haga anin si gaafadhullee irra naa tolchitu inabdadha.
22
Ammallee akka Waaqii kadhaa teessan dhagayee hegerii gara keessan na deebisuu anin inabdadha, tanaafi fulaa bultii naa tolchaa.
23
Ephafraas, ka hidhaansa keessa marroo Kiristoo Yessuusiitiif na waliin jiruu, nagayaa sii dhaama;
24
warrii na waliin hojjatu Maarqos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luq. aasilleen nagaa sii dhaaman.
25
Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo ha isan waliin jiraattuutii.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1