bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Ezra 1
Ezra 1
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
1
Ganna Koreshini hayyu Ajemi tahe, AABBO Waaqi dubbi duri raaga Yeremiani jed'e guute. Inni herega kana Koreshitini d'ufe jennaani inni qonqo tana t'aafe, qonqo suni lafa inni Mohatu ch'ufati lalabani keesati soomani.
2
Wonti hayyuuni Ajemi ka Koreshi jed'ani jed'u tana: AABBO Waaqi gubbaa, yayu gudda lafa ch'ufa na tolche, ammalle waan nani jed'e, lafa Yuda keesa, dira Yerusalemu; mana naa jaari:
3
Waaqi isani nama gumi isaa ch'ufa woliini jiraatinna kaa, Yerusalemu d'aqa, Mana AABBO Waaqa Israeli ka qara ch'ach'abe jaara — Waaqi dira suni isuma.
4
Yo nami gumi isaa tokoleeni, ka duri boojiani, waan galuni d'abe, nami olla isaa ha isa qarqaare, qarsifi worqifi woreegaafi geejibaafi ammalle waan Mana Waaqaa ka Yerusalemu keesati Waaqaa baasani kennuufi.
5
Jennaani jari balbala gosa Yudatifi ta Benjamini mata qaaloleefi worra Lawitifi nama ch'ufa ka Waaqi herega isaa qajeelcha woliini kaani, Mana Waaqa ka Yerusalemu jiru mid'aasani jaaru d'aqani.
6
Nami olla worraa ch'ufti worra qarqaare, miha qarsiti, worqi, woreega, geejiba, waan dadansa d'ibifi waan Mana Waaqa keesati Waaqa baasanile kennanifi.
7
Koreshini miha Mana Waaqa, ka duri Nebukadrezani Yerusalemu boojie Mana Waaqa isaati galche, deebise.
8
Inni miha kana Mithredathi, ka miha hayyu qorqoratuti kenne; innileeni hede, t'aafe, namicha gudda Yuda ka Sheshbaza jed'ani kenne.
9
Miha suni kana: qorini worqi 30 qorini qarsi 1,000 qorini d'ibiini 29 d'amelani worqi 30 d'amelani qarsi 410 mihi d'ibiini 1,000
11
Mihi kuni ch'ufti wolti, qorifi mihi d'ibiini ka Sheshbazani, gaafa isaafi worri boojiani kaani lafa Babiloniti bahani Yerusalemu d'aqani, fuud'e deemeni 5,400.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10