bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Hebrews 4
Hebrews 4
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Duuba, Waaqi ya nuti kakhate, aka nu olseene isa woliini boqonnu. Tanaafi nu qorqorachu malle, aka isani tokoleeni boqota suni ind'amne.
2
Nuleeni, akuma worra, Odu Dansa d'ageenne. Worri Odu Dansa ya d'agaye, ammo woma worraa imbaane, maro d'ageennaani d'ugefachaani imfud'atiniifi.
3
Nu, worri d'ugefate, olseenne Waaqa woliini boqonna. Akuma inni jed'e, Anini dalane kakhad'e waan jed'e, Worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu. Ato hujiini isaa ta duri ta uumama hobaatele inni waan kana la dubbate.
4
Wonti akanatiifi fulla toko t'aafiini waan guyya torbeeso akana jetti, Waaqi guyya torbeeso huji ufi ch'ufa iraa boqote.
5
Ammalle waan dubbi tana dubbatani, Worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu!
6
Worri qara Odu Dansa d'agaye, boqota suni inarganne, waan Waaqa didaniifi. Ammo nama gari boqota suni inargata.
7
Maro waan kanatifi Waaqi guyya d'ibi fohate ka Arra jed'ani. Ganna heddu eegi suni afaani Dauditini dubbate, t'aafi qara maqa d'aani keesati, waan jed'e, Yo qonqo Waaqa arra d'ageettani, mata jabaatani indidiina.
8
Ato sila duri Yoshuani worra suni boqota suni kenne, Waaqi eegi suni waan guyya d'ibi indubbatu.
9
Tanaafi boqota gumi Waaqa injira ammalle, akuma Waaqi guyya Sabato boqote suni.
10
Wonti akanatiifi nami boqota Waaqi kennuufi argatu ch'ufti akuma Waaqi huji isaa iraa boqote boqota.
11
Tanaafi nu haga dandeennu jabaachu malle, aka boqota suni argannu. Nuuni tokoleeni, aka worri suni ch'aqasu dide boqota argachu dad'abe, tahu himmalle.
12
Wonti akanatiifi dubbini Waaqa jireenna qabdi, ammalle jabdu. Sheefti ch'ufa ira qara qabdi. Nafa ch'ufa tarsaafti, haga fulla onneefi lubbuuni wolti ejitufi fulla mitafi d'uuti wolti ejitu. Isiini fed'ifi herega garaa nama ilaalti.
13
Waan tokole dandaani Waaqa ind'ossani. Wonti lafa keesa jira ch'ufti ila isaa dura jirti; isa durati waan keenna ch'ufa himachu malle.
14
Tanaafi d'ugefacha teenna jabeesu male. Nu qaallu gudda ka fuula Waaqa dura seene qamna — Yeso, Ilma Waaqa.
15
Qaalluuni keenna guddaani nama laafinna keennaa nahu diduniti; ammo nu qaallu gudda, ka akuma keenna kara ch'ufaani ilaalatani, ammo daba intolchiini qamna.
16
Tanaafi jabaanne, barch'uma Waaqati d'ufu male, fulla eebiti jirtu. Achiti naasufi eeba arganna, ta hojja nu d'iba qabaanne nu qarqaartu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13