bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Matthew 10
Matthew 10
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Jennaani Yesoni jara isaa kud'ani lama wolti yaame jabeenna kenneefi, aka jinni nama keesaa baasani, fayyad'abafi d'ukuba ch'ufa fayyisani.
2
Maqaani ergattu kud'ani lamaani kana: ka qara, Simoni ka Petro jed'aniifi oboleesa isaa Andarea; Yakobofi oboleesa isaa Yohana, ilmaani Zebedayo;
3
Filipofi Bartholomayo; Tomasofi Matayo, ka damoosa guuru; Yakobo ilma Alfayofi Thadayo;
4
Simoni, nama lafa ufi jabeesufi Yuda Iskariote, ka Yeso gurgure.
5
Jara kud'ani lamaani kana Yesoni erge waan jed'eeni, Lafa gosa d'ibi yokhaani dira gosa Samaria inseeniina.
6
Ammo gara hooliye badde ta gosa Israeli d'aqa.
7
Yaa, Finni gubba ya d'iaate jed'a, namati odeesa.
8
Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.
9
Worqifi qarsi yokhaani beese d'ibi imfud'atiina;
10
karerisafa, ubaara d'ibifa, kopefa, ulele imfud'atiina. Hojattuuni waan maleefi argachu malte.
11
Ollafi dira ka seentanifu, nama dansa barbaada, haga yaataniti isa woliini taa.
12
Akuma namati olduudanini nagaya fuud'a eebisa.
13
Yo nami suni dansa tahe, nageenni keesani ha iti d'ufu; ammo yo nami suni isani jalaa dide, nageenni keesani ha isaniti deebiu.
14
Yo nami isani imfud'anne, yokhaani dubbi teesani inch'aqamne, hojja mana suni yokhaani dira suni keesaa yaatani, awaara miila keesani ira d'ad'aad'a.
15
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, lafti Sodomafi Gomora guyya mura dira suni iraa goomti!
16
Kuno, anini aka ilmoole hooliye jiddu yaiti isani erga. Tanaafi aka bofa qaro taha, ammalle aka sabaliisa nagayaani taa.
17
Nama eegad'a; isani qabani kora isani geesani; ammalle Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati isani d'aanani.
18
Maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba durati isani hirkisani, aka worraafi gosa d'ibile durati d'ugeesitani.
19
Yo qorsuma isani yaamani, waan dubbattanifi waan jettani inheregiina; waan isani jettani hojuma suni isaniti himani.
20
Nami dubbatu isaniiniti, ammo Lubbu Abba keesaniti isani keesa dubbata.
21
Oboleesi oboleesa ufi duati geesa; abbaani ilma ufi akasuma tolcha; ijoolleleeni abbootifi haad'a ufi akasuma tolchiti.
22
Nami ch'ufti maro tiyyaafi isani jibba. Ammo nami haga muumme obsu imbaafama.
23
Hojja dira toko keesati isani gaargalchani, ka iti aanuti baqad'a. D'uguma, anini isaniti hima, dira Israeli ch'ufa dantetani inqit'eesitani, ato Ilmi Nama ind'umne.
24
Nami woi baratu nama isa barsiisu ira injiru; yokhaani garbichi abba ufi ira injiru.
25
Nami woi baratu, yo akuma nama isa barsiise tahe yokhaani garbichileeni yo aka abba ufi tahe ya taateefi. Yo abba worraatiini Beelzebuli jed'ani, worra mana maqa hagasi ira hamatiini yaamani!
26
Tanaafi insodaatiina; wonti daboolaani ta daboola ira imbuqimne injirtu; yokhaani wonti d'ossani ta imullanne injirtu.
27
Waan anini dukana keesati isaniti himu ifsa keesati dubbad'a; ammalle waan hasasani ka d'ageettani fiit'e mana gubbati lalaba.
28
Nama nafa ijeese ammo lubbu woma tolchu indandeenne insodaatiina; ammo nama nafafi lubbu ibida keesa buusu dandau sodaad'a.
29
Ch'uquliisa lama beese tokoti gurguraniyu? Ammo yo Abbaani keesani fed'e male, tokoleeni lafa ind'au.
30
Rifeensa mata keesanile ch'ufa yayu hedani.
31
Tanaafi insodaatiina; isani ch'uquliisa ira jirtani!
32
Nama nama durati na d'ugeesu ch'ufa anileeni Abba gubba durati d'ugeesa.
33
Ammo ka nama durati na mormatu ch'ufa anileeni Abba kiyya ka gubba durati mormad'a.
34
Waan anini nagaya lafaani d'ufu d'ufe insehiina; anini nagaya lafaani d'ufu ind'umne ammo sheefti lafaani d'ufu d'ufe.
35
Anini ilmaafi abba wolti naqa d'ufe, intalafi haad'ale; niiti ilmaatiifi haad'a isaale;
36
worruma namati nyaapa namaa taha.
37
Nami abbaafi haad'a ufi nara jaalatu naa himmalle; ammalle nami ilmaani ufi nara jaalatu naa himmalle.
38
Nami maskali ufi fud'ate na gula indeemne na himmalle.
39
Nami lubbu ufi qorqorachu fed'u ind'aba; ammo nami lubbu ufi naa jed'e balleesu inargata.
40
Nami isani d'ieesu, na d'ieesa; nami na d'ieesu nama na erge d'ieesa.
41
Nami raaga Waaqa, maro inni raaga taheefi d'ieesu, aka raaga galata argata. Ammalle, nami nama d'uga, maro inni nama d'uga taheefi d'ieesu, aka nama d'uga galata argata.
42
Hubad'a, nami, maro inni na gula deemuufi ijoolle didiqo tana toko bisaani guraachale obaase, galata ufi ind'abu.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28