bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Titus 1
Titus 1
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
1
Maqaani kiyya Paulo, anini hojattu Waaqatiifi ergattu Yeso Kristo. La na fohatani aka anini d'aqe, d'ugefacha worra Waaqi fohate qarqaare, d'uga aadaani teenna,
2
ta jireenna hegeri abdattu barsiiftu worra barsiisu. Waaqi, ka d'ara indubbanne, ya jireenna kana duru nuu kakhate,
3
hojjaani geennaani dubbi ufi keesati nuti mullise. Waan kana harka kiyyati kennani, d'aamsa Waaqa, ka Qarqaarsa keenna, gula odeesa.
4
Anini tatabe tana Titoti t'aafa; inni ilma kiyya ka d'uga, d'ugefacha nu woliini qamnu tana keesa: Waaqa Abbaafi Yeso Kristoni, Qarqaarsi keenna, eebafi nagaya isanii kenniina.
5
Anini aka atini waan tolchu malani guutuufi lafa Krete keesati si lakise, ammalle aka atini dira ch'ufa keesati jaarole gumi fohattu. Gorsa kiyya qaabad'u:
6
jaarsi wollaala qabaachu himmalle; niiti toko ch'alla qabaachu male, ilmaani isaa d'ugefacha qabaachu malte, ijoolle hamamtu ta aka bineensa jirtu, ta dubbi nama inch'aqamne intahiini.
7
Maro inni huji Waaqa harka qabuufi inni wollaala qabaachu himmalle. Kiyyibe miira indiqaatiini, farso d'uge namaani woldide insabdaiini.
8
Ha nama bulche waan dansa jaalatu. Ha ufi qorqorate qajeele, qulqullo tahe, adaba dansaani deemu.
9
Dubbi d'uga ha aka dansa jabeesu, ta d'ugefataniifi ta waan barsiisatini woli fakaattu. Kara kanaani inni dandae nama d'ibi barsiisa d'ugatiini qarqaare, wollaala nama didule agarsiisa.
10
Wonti akanatiifi nama hedduti jira, ka dubbi ch'aqasu dide dubbi d'aratiini nama sobu, keesuma worri aada Yahudi iti galefaani.
11
Sila worra dubbachu d'owu malani; wonti akanatiifi waan barsiisu himmalini barsiisani, akanaani ollowaani heddu balleesu jirani, aka hori argatani.
12
Namichi Krete toko, ka raaga worraa waan jed'e: Jari Krete ch'ufti kiyyiba, bineensa hama, ammalle sabdi woma hojachu imfeene.
13
Wonti inni jed'e sunini d'uga. Maro waan kanatifi aka dansa worra gorsu malte, aka worri d'ugefacha qit'e horate
14
odu Yahuditiifi seera nama d'ugaa dide iraa d'ufu lakisu.
15
Nama qulqulloti wonti ch'ufti qulqullo; ammo worra t'uri, ka ind'ugefanne, wonti tokoleeni iti qulqulloniti, maro qalbifi heregi worraa t'uri qabuufi.
16
Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3