bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 John 1
2 John 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Waan dhugaa nu woliin baraa haga bara baraa jiraatuutii fi ani manguddoon worra dhugamaan jaaladhuuf; na callaa uduu hin taane,
2
ka akkasuma worri dhugaa beekan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uu fi ijoollee isi'iitiif;
3
Rabbi Aabba'aa fi Ilma Aabbaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi araarri nageenni dhugamaan jaalalaan nu woliin jiraatan.
4
Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tee keessaa gari gariin hennaa dhuga'aan jiraatan waan argeef gammadeera.
5
Giiftii'i! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.
6
Jaalaltillee akka ajaja isaatitti haa deemnu'uuf; ajanyillee akkuma duraan dhageettan akka isi'iin jiraannuuf.
7
Dogoggorsitoonni baay'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aa fi ka Kiristoosiin mormu.
8
Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a!
9
Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraannee fi namni barumsa isaa keessa hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.
10
Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne hin simatinaa'a; nagayallee hin gaafatinaa'a.
11
Namni nagaya isa gaafatu waan hujii hamaa isaa isa irraa qoodamuuf.
12
Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haa ta'uu ammo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba.
13
Ijoolleen obboleettii teetii ta filatamte nagaya sii dhaamaniiran.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1