bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Timothy 3
2 Timothy 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
1
Haa ta'uu ammo bara dhumaa guyyaan nama dhiphisu akka dhufu beeki.
2
Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne,
3
Worra hin galatoonfanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar jabeeyyii, worra uf hin qabne,
4
Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota, worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra uf gammachiisuu jaalatan ta'an.
5
Bifa Waaqa waaqeffatu'uu hin qaban, hunna isaa ammo gananiiran. Worra akkasii irraa fagaadhu.
6
Worri akkanaa kunniin dhokata'aa mana namootaa seena'aa, hinaafa'aa, worra cubbuun isaan irratti tuulame, worra dharraa adda addaatiin fudhataman sirima dubartoota gowwaa dhugaa beekuu bira gayuu hin dandeenne, worri booji'an worra akkanaa kanniin.
8
Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman akkasuma kunniinillee worra sammu'uu fi qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantii irraa badan ta'anii dhugaa morman.
9
Haa ta'uu ammo gowwummaan isaanii akkasuma ifa ta'ee marattuu waan mudhatuuf ka duraa caalaa isaanii hin qajeelu.
10
Ati ammo barumsa kiyya, jireenna kiyya, kaayoo kiyya, amantii kiyya, obsa kiyya, jaalala kiyyaa fi jabaachuu kiyya maraa hin beetta;
11
ari'amuu kiyyaa fi rakkachuu kiyya Anxookiya'atti, Iqooniyoonitti, Lisxiraanitti waan na irra gaye maraa ari'atama'aa obsellee hin beetta; Gooftaan garuu kanniin maraa jalaa na oolche.
12
Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin ari'aman.
13
Haa ta'uu ammo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun, worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.
14
Ati ammo dubbii barattee fi hubatteen jabaadhuu jiraadhu. Eennuun irraa akka baratte waan beettuuf.
15
Daa'imummaa kee irraa jalqabdee kitaabbilee woyyuu Yesuus Kiristoositti amanu'uun ogumma'aa fi fayyinna sii kennuu danda'an beetteerta.
16
Namni Rabbii qajeela'aa fi hujii mishaa maraaf ka qophaaye akka ta'u,
17
Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uu fi gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4