bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
3 John 1
3 John 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Ana manguddoo irraa; Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gaayiyoosiif:
2
Jaalalloo kiyya! lubbuun tee akka misha'atti akka jiraattu, wonti maruu akka wol sii qixxaayuu fi akka fayyaa qabaattu Rabbiin sii kadhadha.
3
Obboleewwan dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaan guddisee gammade.
4
Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef.
5
Jaalalloo kiyya! siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a.
6
Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte waan mishaa goote.
7
Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif.
8
Eegasuu nu dhugaa woliin akka hojjannuuf namoota akkanaa kanniin keessummummaa haa simannuu.
9
Woldaa Kiristaanaa saniif barreessee ture; haa ta'uu ammo Diyootreefesiin bulchaa ta'uu barbaadu nu hin simatu.
10
Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa.
11
Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa raawwatu maruu Rabbiin irraa; ka waan hamaa ka hammeenna hojjatu ammo Rabbiin hin argine.
12
Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf; dhugaanillee ragaa baatiif; nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.
13
Waan sii barreessu baay'ee qaba. Haa ta'uu ammo bi'iiri'ii fi qalamaan sii barreessuu hin barbaanne.
14
Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha.
15
Nagaya ta'i; goshoonni tee nagaya sii dhaamaniiran. Goshoo kee marattuu nagaya naa himi.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1