bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Colossians 4
Colossians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Isinillee gooftota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a.
2
Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a.
3
Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.
4
Akka dubbachuun na irraa eeggamutti akka ibsee dubbachuu danda'u Rabbiin naa kadhadhaa'a.
5
Bara keessan keessatti carraa qabdan maratti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a.
6
Nama maraafuu attamitti akka deebii deebisuu beettan, dubbiin keessan hennaa maraa badhaadhaan ka guuttame, gurra namaatitti ka toluu fi akka sooqiddaa mi'aayaa haa ta'u.
7
Obboleessi jaalatamaanii fi tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa.
8
Waan nu itti jiru akka beettaniif, akka isin jajjabeessuuf amanama'aa fi jaalatamaa obboleessa keenna Anasimoosiin woliin wonti gara keessan erginuuf waan kanaaf, isaan waan hulee kanaa maraa isinitti himan.
10
Worra gadooman keessaa ka na woliin hidhame, Arisixirookos ilmi obboleessa Barnaabaasii Maarqoos ka Iyyoosxoos jedhamuu fi Iyyaasuun nagaya isiniin jedhaniiran. Ajaja, «Maarqoos yoo gara keessan dhufe simadha'aanii» jedhu fudhattaniirtu.
11
Worri jeennata Rabbii keessatti na woliin hojjatan kanniin calla'a; isaanillee na jajjabeessaniiran.
12
Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.
13
Waan keessanii fi waan worra Lodoqiyaa qachaa Iyyaaraa jiraniif guddisee akka hinaafu isinii raga.
14
Jaalatamaan ogeessi fayya'aa Luqaasii fi Deemaasillee nagaya isinii dhaamaniiran.
15
Obboleeyyan Lodoqiyaa keessa jiran Nimfuunii fi woldaa Kiristaanaa ta mana isaa jirtutti nagaya naa himaa'a
16
Dhaamsi tunillee isin biratti haga dubbifamteen maayessa tokkummaa namoota Lodoqiya'aatittillee akkasuma akka dubbifamu godhaa'a. Dhaamsa Lodoqiyaa irraa ergame isinillee akkasuma dubbisaa'a.
17
Akiriphaanillee, «Tajaajila Gooftaa irraa fuute, akka raawwattu jabaadhu» jedha'aa itti naa himaa'a.
18
Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a! Badhaani isin woliin haa ta'u.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4