bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ephesians 4
Ephesians 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Eeganaa ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.
2
Kasoo ta'u'uun, gara laafumma'aan, obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.
3
Karaa nagayaatiin tokkummaa hafuuraa eegu'uuf jabaadhaa'a.
4
Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan.
5
Gooftaan tokko; amantiin tokko; cuuphaan tokko.
6
Ka waa maraa ol ta'e, ka maraa keessatti hojjatu, ka maraa keessa jiraatu, Gooftaan abbaa namoota maraa ta'e Waaqa tokkochatu jira.
7
Haa ta'uu ammo akka kennaa Kiristoosiitiin nu maraafuu badhaani kenname.
8
Kanaaf, «Hennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee, namootaaf kennaa kenne» jedha.
9
Kanaafuu, «Ka ol baye» jechuun ka gara lafa gadi fago'ootitti gadi bu'e jechu'u malee maal jechu'uu?
10
Ka bu'e kun maraa guutu'uuf ka gara samii samii gubba'aatitti ol bayellee isuma.
11
Innillee gari garii ergamtoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Dubbii Nagayaa lallabu, kuuwwanillee tisse'ee fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne.
12
Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.
14
Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.
15
Haa ta'uu ammo dhugaa jaalalaan qaba'aa, waan maraanuu gara Kiristoosii mataa ta'ee haa guddannuu.
16
Sababaa kanaaf qaamni maruu akka hojjatu ribuun maruu akka hujii isaaniititti woliin wol qabatee jaalalaan uf ijaaruun qaama guddisa.
17
Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'aan akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga.
18
Isaan rakkinna wollaala isaaniitiin, garaa jabaachuu isaaniitiin yaanni isaanii dukkanaayee Rabbiin irraallee fagaatan.
19
Waan qalbiin isaanii dhama'eef battumma'aa fi dhara maraa hojjachu'uun seebaru'uuf dabarsanii uf kennan.
20
Isin ammo Kiristoosiin irraa akkana hin baranne.
21
Dhugamaan dhageettaniirtan; dhugaan akka Kiristoosiin keessa jirtu isa irraa barattaniirtan.
22
Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuu fi nama balleessu uf keessaa balleessaa'a.
23
Ayyaana qalbii teessaniitiin haarawoomaa'a.
24
Qajeellumma'aa fi woyyummaa dhuga'aan ta'uun namummaa haarawa akka fakkeenna Rabbiitiin uumame uffadhaa'a.
25
Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa'a; nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a.
26
Lolaa'a! garuu cubbuu hin hojjatinaa'a.
27
Lola keessan irratti aduun akka hin dhiine daabiloosii hiree hin kenninaa'a.
28
Ka hate ammaa achi hin hatin; haa ta'uu ammo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.
29
Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubbadhaa malee hamaan afaan keessanii sirima hin bayin.
30
Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a.
31
Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.
32
Arja'aa fi garalaafeyyii wolii ta'aa'a. Akkuma Rabbi Kiristoosiin irraan isinii araarame, isinillee wolii araaramaa'a.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6