bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Haggai 1
Haggai 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 2 →
1
Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo ji'a jaheesso'oo guyyaa jalqabaatitti Rabbi raatticha Hage'etti dubbate; namni inni itti dubbate bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiyaaliitii fi Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiititti.
2
Waandhi banii maraa, «Baniin kun hennaan manni woyyumma'aa deebi'ee haarawoomee itti ijaaramu hin geenne» jedha.
3
Kanaafuu dubbiin Rabbi Hagee raattichaatiin bani'itti dubbate kana,
4
«Banii kiyya! manni kiyya uduu diiggamee jiru isin ammo mana keessan ka bareede keessa jiraachuun keessan kolbaa?
5
Isin mee akkaataa itti jirtan kana yaadaa'a.
6
Isin midhaan heddu facaafattan diqqoo haamattan; hin nyaattan garuu hin quuftan; hin dhuddan garuu dheebuu hin baatan; uffata tuulattanii wol irraan uffattan garuu isinitti hin oo'u; mindaan isin argattan waan barakaa hin qabneef akka nama kiisii tarsa'e keessa kaayateeti.
7
Mee akkaataa itti jirtan kana yaadaa'a.
8
Amma isin gara tullootaa ol baya'aa muka mura'aa fida'aatii mana woyyumma'aa deebisa'aatii ijaara'aa haarawoomsaa'a; anillee isatti gammaddee itti na galatoonfatanii.
9
Isin midhaan heddu galfatu'uuf karoorfattanii turtan; ammo diqqoma san gara manaa hennaa galfattan ani waan afuufeef hin bade; wonti ani waan kana godheef maali'iif isinitti fakkaata? wonti ani waan kana godheef isin keessaa namni maruu mana ufii bareechisee ijaarata'aa manni kiyya woyyuun diiggamee waan hafeef.
10
Sababaan roobni hin roobnee fi midhaan hin biqilleefillee kana.
11
Ani sababaa kanaaf gaarran irratti midhaan, woyinii'i, sayitii'i, waan lafti biqilchitu maraa, namoota, busaawa'aa fi bu'aa hujii isaanii maraa irratti caama fida.
12
Zarubaabeliin ilmi Salaatiya'aa, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqii banii baqaa dacha'an woliin dubbii Rabbii Waaqa isaaniitii fi ergaa Rabbi raatticha Hage'een ergeef hin ajajaman; baniin Rabbiin sodaatan.
13
Ergamaan Rabbii Hageen bani'iin, «Ani isin woliin jira jedha Rabbi» jedhee ergaa Rabbii dabarse.
14
Achiin maayessa Rabbi ayyaana bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiyaalii, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiitii fi namoota hulee baqatanii dacha'an maraa kakkaase; isaan mana woyyumma'aa ka Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban.
15
Hennaan wonti kun maruu ta'e Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini jaheesso'oo seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 2 →
All chapters:
1
2