bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Obadiah 1
Obadiah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Mudhata Abdiyyuun arge; Rabbi Waandhi waan Eedoomiitiif Abdiyyuu erge; ergaan Rabbii ka nu'u dhageenne, «Ani Rabbi worra Eedoomii irratti akka balaa buusan ajajee gara bani'ii ergamaa ergeera!» jedha.
2
Rabbi Eedoomiin akkana jedha, Ani banii Yihuudii hin taane keessatti dadhabaa si taasisa; guddiftee tuffatamta.
3
Uf jajuun kee si sobeera; ati kushee qachaa dhagaa jaba'aan ijaaramte keessa jiraatta; ati mana gaarran gugurdaa irratti ijaarame keessa jiraatta; hulee jiru kanaa eentu na buusuu danda'a jedha'aa dhaadatta.
4
Garuu yoo akka allaattii bajja jedhamuu ol bararte, hulee jireennaa kee urjiiwwan jidduu yoo godhatte, ani achi irraa si buusa; waan kana ana Rabbitu dubbate.
5
Hattoonni yookaan saamtonni uduu halkaniin dhufanii haguma isaan gawu callaa fudhatan; worri daraaraa woyini'ii wolitti qabatan daraaraa lafatti hambisan; diintonni tee ammo sirima si balleessan.
6
Isin fiixaa Eesawu'uu, mana keessan seenanii qabeenna isin qabdan maraa saamaniiran.
7
Goshoonni tee ta waadaa si woliin galan maruu si gowwoomsaniiran; biyya kee keessaallee baasanii si ari'an; jaalalloonni tee akka diinaatitti sitti ka'an; worri buddeena kee nyaatan siiboo si jala diriirsan; hennaa isaan waan kana maraa sitti godhan ati ammo bira hin geenne.
8
Ani hennaa san Eedoomiin keessa ogeeyyii'i, gaara Eesawu'uu irraa beekkumsa balleessa.
9
Namoonni Eedoomiin keessa jiraatan maruu hin ajjeefaman; worri jajjabaan Teemaanii sodaatanii hollatan.
10
Ati fiixaa obboleessa kee Yaaqoobiin miitee waan ajjeefteef, hin salphatta; baraa haga bara baraa badda.
11
Guyyaa diintonni isaanii balballan isaanii caccabsanii qabeenna isaanii maraa itti saaman san, ati qaccee dhaabattee laala'aa turte; ati namoota Yerusaalemiin hixaa itti buufata'aa qoqqoodaman irra woyya'aa miti.
12
Ati silaa rakkoo obboleewwan tee ta biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irra gayetti gammaduu si hin barbaachisu; guyyaa isaan badan burraaqu'uu fi guyyaa isaan hucuucaman isaan irratti uf jajuu si hin barbaachisu ture.
13
Guyyaan rakkatan ati silaa balbala banii kiyyaa seenuu si hin barbaachisu ture; guyyaa rakkatan badii banii Yihuuda'aatitti gammadu'uuf namaan wolii galuu si hin barbaachisu ture; guyyaa isaan badan qabeenna isaanii saamuu si hin barbaachisu ture.
14
Ati silaa worra dheessa'aaran ajjeesu'uuf karaa qaxxaammuraa irra dhaabattee riphxee eeguu si hin barbaachisu ture.
15
Guyyaan ani Rabbi worra Yihuudii hin taane maratti murteessu gayeera; Eedoom! akkuma hujii keetiititti gatii kee hin argatta; hujiin hamaan ati hojjatu simatti gara gala.
16
Baniin kiyya gaara woyyuu kiyya irratti mijuu rakkinnaa dhuganiiran; worri Yihuudii hin taane ka naannaya isaanii jiran maruu mijuu rakkinnaa hamaa kana dhugan; worri dhugan maruu hin jiraatan;
17
Worri gaara Tsiyoonii irratti badii jalaa bayan hin jiran; gaarri Tsiyoonii ta woyyoomte taati; baniin Yaaqoobii qabeenna isaan jalaa fudhatamee ture deebisanii fudhatan.
18
Ijoolleen Yaaqoobii akka ibiddaa, ijoolleen Yooseefii akka arraba ibiddaa, ijoolleen Eesawu'uu akka bura'aa ta'an; akkuma ibiddi buraa gubu ijoolleen Yaaqoobiitii fi ijoolleen Yooseefii ijoollee Eesawu'uu balleessan. ka waan kana dubbate ana Rabbi.
19
Baniin Yihuuda'aa ka gara kibbaa jiran biyya Eedoomii dhaalan; baniin ladda gara gaara dhiya adu'uutiin gammoojjii keessa jiraatan biyya Filisxeemii qabatan; bulchiinsa Efreemiitii fi Samaariya'aallee hin fudhatan; namoonni Biiniyaamiillee biyya Gala'aadii dhaalan.
20
Baniin Israa'elii ka gara kaabaa baqatanii turan biyya Hoolaa jedhamtuu deebi'anii biyya Kana'aanii ta haga Saraphta'aa jirtu dhaalan; worri Yerusaalemii ka baqatanii Safraadimiin keessa jiraatan qachoota gara kibbaa jiran qabatan.
21
Namoonni hafan ka Yerusaalemii gaara Tsiyoonii irra taa'anii Eedoomiin bulchan; mootummaan sun ka Rabbii ta'a.»
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1