bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 John 1
1 John 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Jalqabumaayyuu ka ture waayee dubbii jireennaa isiniif ni barreessina, kun dubbii jireenna ka dhageennee fi ija teennaan ka argineen, ka laalee fi harka keennaan'llee ka qaqabnneen.
2
Jireenni kun mulidhatee jira, nu'llee argineenii jirra, ragaa ni baana'lle'e. Waaqa Abbaa bira ka turee fi nu'utti'llee ka mulidhate, jireenna bara baraa ni dubbanna.
3
Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin.
4
Gammachuun keenna guutuu akka ta'u, kana isiniif ni barreessina.
5
Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu.
6
Kanaaf, «Waaqaan woliin tokkummaa ni qabnna» jedha'aa dukkana keessa ka jiraannu yoo taane ni kijibnna, jecha keennaan ta'ee hujii keenna keessa'llee dhugaan hin jiru jechu'u.
7
Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa.
8
Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru.
9
Cubbuu keenna Waaqatti yoo himanne inni amanama'aa fi qulqullaawomaa waan ta'eef, cubbuu keenna maraa nuuf ni dhiisa, balleessaa keenna mara irraa'llee, nu ni qulqulleessa.
10
Cubbuu hin hojjanne yoo jenne Waaqa sobaa ni taasfnnaan, dubbiin isaa'llee nu keessa hin jiru.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5