bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
3 John 1
3 John 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
1
Dhugamaan ka jaaladhuuf, Gaayosii jaalatameef, Ana jaarsa irraa ergaa ergame,
2
Yaa waahela kiyya! Jireenni kee marrinuu akka si mijaayu, fayyaa akka qabaatuu fi akkuma kana boqannaa hafuuraa akka argattu siif ni hawwa.
3
Dhuga'aaf amanamummaa keetii fi dhuga'aaf'llee jiraachuu kee obboleeyyan kristaanotaa tokko tokko dhufanii yeroo natti himantti, haalaan ni gammade.
4
Ijoolleen tiyya dhuga'aan dedeebi'aa jiraachuu isaanii dhagayuu irra ka caalu, wonitti ana gammachiisu hin jiru.
5
Yaa waahellan kiyya! Si'iif keessummoota yoma ta'an'llee obboleeyyaniif tajaajila amanamaa ni kennita.
6
Isaan'llee waayee hujii jaalalaa ka isaanii raawwatteetiif woldayoota amanti'ii duranatti ragaa bayanii jiran, amma'llee haala Waaqinni gammachiisuun, adeemissa isaaniitiin isaan yoo garggaartte misha'a.
7
Isaan Kristosiin tajaajilu'uuf yoo bayan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gargaarssa woyiitu hin fudhanne.
8
Qoodamtoota hujii dhuga'aa akka taanuuf, namoota akkana jiran kanniin garggaaruu ni qabnna.
9
Asiin durana waldaya amanti'ii Kristosiitiif xalayaa barreessee jira, garuu durssaa woldaya amanti'ii ta'u'uuf ka barbaadu Deemetrius, yaada kiyya hin fudhanne.
10
Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.
11
Yaa waahela kiyya! Mishaa fakkaadhu malee hamaa san hin fakkaatin. Hujii mishaa ka hojjatu marrinuu ka Waaqaati. Hujii hamaa ka hojjatu garuu Waaqa hin argine.
12
Deemtriusiif naminni marrinuu haala misha'aan ragaa ni bayaaf. Dhugaan mataan isiituu ufii isi'iitii ragaa ni baati. Nu'llee ragaa ni baanaaf, ragummaan keenna'llee dhugaa ta'uu ni beekitta.
13
Si barreessu'uuf ka barbaadu waan baayi'ee qaba ture, garuu xalaya'aan si ibisu'uuf hin barbaadu.
14
Yeroo dhiyo'otti si argu'uuf abddii ni taasisa, yeroo sanitti jechaa jechaan woliin ni haasofnna.
15
Nageenni siif haa ta'u. Waaheloonni nagaya siif ni dhiyeessan. Ati'llee Waaheloota keennaaf tokko tokkoon, nagaya nuuf dhiyeessi.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1