bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
1 John 1
1 John 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaanillee arginee guuttannee laalle ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti oddeessina.
2
Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.
3
Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.
4
Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina.
5
Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.
6
Dukkanaa keessa jiraata'aa isa woliin tokkummaa qabna yoo jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru.
7
Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa.
8
Cubbuu hin qabnu yoo jenne, uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu.
9
Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammena keenna maraa irraa nuu qulqulleesu'uuf, inni amanamma'aa fi qajeela'a.
10
Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goonna; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5