bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
2 John 1
2 John 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
1
Waan dhugaa nu woliin baraa haga bara baraa jiraatuutii fi ani manguddoonni worra dhugamaan jaaladhuuf na callaa uduu hin taane,
2
ka akkasuma worri dhugaa beekkan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uuf ijoollee isi'iitiif,
3
Rabbi Aabba'aa fi Ilma Aabbaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi araarri nageenni dhugamaan jaalalaan nu woliin jiraatan.
4
Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tantee keessaa gari gariin dhuga'aan hennaa jiraatan waan argeef gammadeera.
5
Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti.
6
Jaalaltillee akka ajaja isaatitti haa deemnu'uuf, ajanyillee akkuma duraan dhageettan akka isi'iin jiraannuuf.
7
Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.
8
Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a!
9
Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba.
10
Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne, hin simatinaa'a nagayallee hin gaafatinaa'a.
11
Namni nagaya isa gaafatu waan hujii hamaa isaa isarraa qoodamuuf.
12
Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haata'uu ammoo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba.
13
Ijoolleen obboleetii teetii ta filatamte nagaya sii dhaamaniiran.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1