bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Galatians 2
Galatians 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Ana Phaawuloosii fi obboleewwan na woliin jiran maraa irraa, worra Woldaa Kiristaanaa Galaatiya'aatiif, Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen malee, namootaan yookaan naman hin ergamne.
2
Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookiin duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Oduu Nagayaa ka himuu isaanitti beessise. Worra Ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isanitti hime.
3
Haata'uu ammoo, ka ana woliin ture Tiitoonuu nama Giriikii ta'eetuu akka gadoomu isa hin giddisiifne.
4
Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.
5
Dhugaan Oduu Nagayaa isin biratti jabaatee akka jiraatuuf jennee, hennaa diqqo'oofillee gad dhiifnee isaan jalatti hin bulle.
6
Worri bulchoota fakkaatan ammoo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Oduu Nagayaa ani himu irratti womaa hin edaane.
7
Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Oduu Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Oduu Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.
8
Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera.
9
Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.
10
Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammoo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.
11
Haata'uu ammoo Keefaan gara Antsokiya'aa hennaa dhufe, waan dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Wonti inni hojjate waan isatti murteessuuf.
12
Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.
13
Yihuudonni hafan eega Barnaabaasuu fakkeessaa isaaniitiin duubatti harkifame, isa woliin uf tuultoota ta'an.
14
Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.»
15
Nu dhalootaan Yihuudota, worra cubbamoota Yihuudii hin taane sanii miti.
16
Haata'uu ammoo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee, ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef, nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in, Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.
17
Haata'uu ammoo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamoota taane yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti.
18
Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa.
19
Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera.
20
Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.
21
Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e!
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6