bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Philemon 1
Philemon 1
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jump to:
Chapter 1
1
Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhameef obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi
2
Obboleetti teenna Afibiyaa, Arkipha nu woliin loltuu ta'eef, woldaa Kiristaanaa ta mana isaa keessa jirtuuf,
3
Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.
4
Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantaa keetii dhagayee,
5
Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galateeffadha.
6
Tokkummaa amantaa keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha.
7
Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan harabaafateef, Obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera.
8
Kanaafuu waan godhuu si barbaachisu akka gootu si ajaju'uuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin hagamillee yoo ugga qabaadhellee,
9
Ani jaarsi Phaawuloos ammallee akkasuma Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhame, jaalalaa fi jedhee si kadhadha.
10
Waan ilma kiyyaa Onismoosii ka ani hennaa mana hidha'aa jiru akka inni Kiristoositti amanuuf Oduu Nagayaa itti himee Kiristoositti amane saniif si kadhadha. Inni dura nama si hin fayyanne ture, amma ammoo anaa fi sillee hin fayyada.
12
Ani isa erga, inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan.
13
Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade.
14
Garuu uduu siin hin mari'anne waan tokkollee godhuu hin barbaanne.
15
Kanaafuu maal laataa, Inni haga hennaa diqqo'oo sirraa fooyamee waan tureef amma ufitti fudhadhuu qabiin maal laataa ammaa achi akka garbichaa hin ta'u.
16
Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a.
17
Eegasuu akka hiriyya'aatitti yoo na laakkofte akka na simattutti isallee simadhu.
18
Waan tokkoonillee yoo si yakkee jiraate yoo liqaan isa irra jiraate,
19
Liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee, harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu.
20
Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessan garaa naa qabbaneessi.
21
Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abadadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee,
22
ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti harabaafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf.
23
Ephaafiraan maqaa Yesuus Kiristoosiitiif jedhee hidhameeru,
24
Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran.
25
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u.
Jump to:
Chapter 1
All chapters:
1