bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Acts 12
Acts 12
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
1
Bara san mootichi Heroodis, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe.
2
Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga'aan ijjeesise.
3
Wonni kun Yihudoota akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete.
4
Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate.
5
Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.
6
Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane.
7
Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute.
8
Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen.
9
Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye.
10
Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.
11
Pheexroos yennaa bayyanate, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe.
12
Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe.
13
Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte.
14
Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite.
15
Isaan, «Ati maraatteerta!» isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa» jedhane.
16
Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane.
17
Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe.
18
Yennaa latti bariite, loltooti, «Pheexroos maan te'e?» jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane.
19
Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.
20
Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.
21
Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate.
22
Isaan, «Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti» jedhaa iyyane.
23
Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e.
24
Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme.
25
Baarnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28