bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Acts 6
Acts 6
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
1
Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, qarqaarsa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane.
2
Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffattoota duudii wolitti waamanee, «Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle.
3
Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila'a.
4
Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina» jedhane.
5
Nami duudiin yaada ergantootaa jaalatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyaanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane.
6
Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane.
7
Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddataatuma deeme; hayyooti hedduulle dhugeeffatane.
8
Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba'aatitti huje.
9
Yennaa san Yihudooti miseensota, «Mana waaqonfannaa worra bilisa bayee» jedhamuu, worri Qareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri biyya Qiliiqiya'aatii fi Asiya'aatii dhufane tokko ka'anee Isxifaanositti falmane.
10
Te'uu malee, qarumma'aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne.
11
Maarre isaan, «Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra» akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane.
12
Akkuma kanaan isaan kolbaa, jaarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane.
13
Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, «Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma.
14
‹Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira› jedhuun dhageenneerra» jedhane.
15
Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28