bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Psalms 119
Psalms 119
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 118
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 67
Chapter 68
Chapter 69
Chapter 70
Chapter 71
Chapter 72
Chapter 73
Chapter 74
Chapter 75
Chapter 76
Chapter 77
Chapter 78
Chapter 79
Chapter 80
Chapter 81
Chapter 82
Chapter 83
Chapter 84
Chapter 85
Chapter 86
Chapter 87
Chapter 88
Chapter 89
Chapter 90
Chapter 91
Chapter 92
Chapter 93
Chapter 94
Chapter 95
Chapter 96
Chapter 97
Chapter 98
Chapter 99
Chapter 100
Chapter 101
Chapter 102
Chapter 103
Chapter 104
Chapter 105
Chapter 106
Chapter 107
Chapter 108
Chapter 109
Chapter 110
Chapter 111
Chapter 112
Chapter 113
Chapter 114
Chapter 115
Chapter 116
Chapter 117
Chapter 118
Chapter 119
Chapter 120
Chapter 121
Chapter 122
Chapter 123
Chapter 124
Chapter 125
Chapter 126
Chapter 127
Chapter 128
Chapter 129
Chapter 130
Chapter 131
Chapter 132
Chapter 133
Chapter 134
Chapter 135
Chapter 136
Chapter 137
Chapter 138
Chapter 139
Chapter 140
Chapter 141
Chapter 142
Chapter 143
Chapter 144
Chapter 145
Chapter 146
Chapter 147
Chapter 148
Chapter 149
Chapter 150
Chapter 120 →
1
Worri karaan isaanii komii hin qanne, ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu ka gammadane.
2
Worri ajaja isaa eegatu, ka gadhaa tokkochaan isa barbaadu ka gammade.
3
Isaan dokonkora hin hujanu; karaa isaa ideeman.
4
Mootii Waan Maraa, ajaji keeti guutumatti akka eegamu, ati ajajjeerta.
5
Ani ajaja keeti eegatiisaan, jabaadhee adoo dhaabbadhee attam attam halcha!
6
Ani ila tiyya ajaja keeti mara irraa yoo hin buqqifatin, ani hin qaanowu.
7
Muraa haqaa teeti yennaa baradhe, ani gadhaa qajeela'aan si leellisa.
8
Ani ajaja keeti hin eegadha; ati ijjumaa na hin lakkisin.
9
Dargaggooti attamiin karaa ifii qulqullumma'aan eegatiisa dande'an? Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
10
Ani gadhaa tokkochaan si barbaada; ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.
11
Akka si hin yakkineef, jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.
12
Ee Mootii Waan Maraa, ati ka leellifante; seera keeti na barsiisi.
13
Ani qajeelfama afaan keetii baye mara, afaan kiyyaan hin lallaba.
14
Akkuma nami durummaa guddo'otti gammadu, ani qajeelfama keeti hordofiisatti hin gammada.
15
Ani ajaja keeti irra deddeebi'ee itti hin yaada; karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.
16
Ani seera keetiin hin gammada; ani jecha keeti hin dedhu.
17
Akka ani le'uuf, jecha keetiifille akka ajajamu, ana tajaajilaa keetiif waan dansaa godhi.
18
Waan maade'ee ta seera keeti keessaa akka dhaggu, ila tiyya bani.
19
Ani lafa irratti alaga'a; ajaja keeti na hin dhossin.
20
Lubbuun tiyya seera keeti halchiisaan, yennaa mara akka malee dadhaddi.
21
Ati worra koorameeyyii abaarame, ka ajaja keeti irraa gore, hin xixxa.
22
Ani ajaja keeti waan eegadheef, ati murgo'oo fi tuffii isaanii na irraa fageessi.
23
Qondaaltoti tee'anee mala na irratti dhowanulle, ani tajaajilaan keeti seera keeti itti deddeebi'ee hin yaada.
24
Ajaji keeti marti na gammachiisan; isaan gorsitoota tiyya.
25
Ani du'iisa geyeera; ati akka jecha keetiititti lubbuu tiyya natti deebisi.
26
Ani waan jiruu tiyya keessatti te'e mara sitti himadheera; atille deebii naaf kenniteerta; seera keeti mara na barsiisi.
27
Ajaja keeti na hubachiisi; anille hujii teeti ta maade'ee itti deddeebi'ee hin yaada.
28
Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti; akka jecha keetiititti na jabeessi.
29
Karaa sobaa na irraa fageessi; badhaadha keetiin seera keeti na barsiisi.
30
Ani karaa dhuga'aa filadheera; seera keeti ifi dura keyadheera.
31
Ee Mootii Waan Maraa, ani jaja keeti jabeessee qabadheera; na hin qaanessin.
32
Ati waan bilisa na baatteef, ani karaa ajaja keetii rukkisa.
33
Ee Mootii Waan Maraa, karaa seera keetii na barsiisi; anille yennaa mara hin hordofa.
34
Seera keeti akka ani eegadhu, gadhaa tokkochalle'een akka ani ajajamu, hubantii naa kenni.
35
Ani waan ittiin gammaduuf, daandii ajaja keetii irra akka deemu na godhi.
36
Bu'aa haqa hin te'in dhaggatiisa irraa, gadhaa kiyya gara ajaja keetii deebisi.
37
Ila tiyya waan bu'aa hin qanne irraa deebisi; karaa keeti irratti jiruu naa kenni.
38
Akka sodaatantuuf, Waadaa ana tajaajilaa keetiif galte muummessi.
39
Seerri keeti dansaa waan te'eef, qaanii ani sodaadhu na irraa fageessi.
40
Kunoo, ani ajaja keeti eegatiisaaf dharra'a; balchummaa teetiin jiruu naa kenni.
41
Ee Mootii Waan Maraa, jaalalli keeti ka bara baraa gara kiyya dhufuu ti; akka waadaa keetiititti fayyisiis keetille gara kiyya dhufuu ti.
42
Achiin duuba ani jecha keetitti waan addadhuuf, worra na arrassuuf deebii hin kenna.
43
Ani seera keetitti addii waan godhadhuuf, jecha dhuga'aa keeti dubatiisa na hin dhooggin.
44
Ani yennaa mara, haga bara baraa seera keeti hin eegadha.
45
Ani ajaja keeti muummessiisa waan barbaaduuf, bilisaan hin ideema.
46
Ani ajaja keeti mootota duratti hin dubbadha; hin qaaneffadhu.
47
Ani ajaja keeti hin jaaladha; ittille hin gammada.
48
Ani harka kiyya gara ajaja keeti ka jaaladhuu ol hin kaasa; seerata keetille itti deddeebi'ee hin yaada.
49
Jecha keeti ka akka ani addi'iin eegadhu goote, ana tajaajilaa keetiif qaabadhu.
50
Waadaan keeti jiruu waan naa kenneef, rakkinna kiyya keessatti jajjabeenni kiyya kana.
51
Worri koorameeyyiin yennaa mara natti murgan; ani ammoo seera keeti irraa hin deebine.
52
Ee Mootii Waan Maraa, ani seeraa keeti ka durii durii yennaa qabaadhu, ittiin hin jajjabaadha.
53
Worri hamaaleyyiin seera keeti waan lakkisaneef, aariin guddoon na qabatte.
54
Addee le'u maratti ajaji keeti faaruu tiyya.
55
Ee Mootii Waan Maraa, halkan keessa maqaa keeti qaabadha; seera keetille hin eegadha.
56
Ani ajaja keeti eegadhe; tunille hujii tiyya teete.
57
Ee Mootii Waan Maraa, jiruu tiyya keessatti ati qooda kiyya; ani jecha keeti eegatiisaaf waadaa galeera.
58
Fudhatama dhaggatiisaaf, gadhaa tokkochaan si daadimadha; akkuma waadaa keetiititti naa marari.
59
Ani yennaa karaa keeti yaadadhu, miila kiyya gara ajaja keetii deebifadha.
60
Ani ajaja keeti muummessiisaaf, hin ariifadha; hin turu.
61
Worri hamaan wodaroo natti marulle, ani seera keeti hin dedhu.
62
Muraa teeti balchitti'iif, si galateeffatiisaaf, ani halkan wodhakkaa hin ka'a.
63
Ani worra si sodaatu maraaf, worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala.
64
Ee Mootii Waan Maraa, latti jaalala keeti ka bara baraatiin guutanteerti; seera keeti na barsiisi.
65
Ee Mootii Waan Maraa, akkuma jecha keetiititti, ati tajaajilaa keetiif waan dansaa gooteerta.
66
Ani ajaja keeti waan addadhuuf, beekkumsaa fi hubantii dansaa na barsiisi.
67
Adoo hin rakkatin dura, ani karaa keeti irraa goreera; amma ammoo jecha keeti hin eegadha.
68
Ati dansa'a; wonni ati gootulle dansa'a; seera keeti na barsiisi.
69
Worri koorameeyyiin dharaan maqaa na balleessanulle, ani ammoo gadhaa tokkochaan ajaja keeti hin eegadha.
70
Isaan mataa jabaatan; ani ammoo seera keetiin gammada.
71
Seera keeti akka baradhu, rakkatiisi kiyya dansa'a.
72
Worqi'ii fi meetii kuma hedduu caalaa, seera afaan keetii bayu naaf woyya.
73
Harki keeti na huje; na mimmiidhasselle'e; akka ani ajaja keeti baradhu, qalbeeffata naaf kenni.
74
Ani jecha keetitti addii waan godhadheef, worri si sodaatu yennaa na dhaggu hin gammada.
75
Ee Mootii Waan Maraa, muraan teeti dhugaa akka teete, ani hin beeka; ati addatamumma'aan na adadde.
76
Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti, jaalalli keeti ka bara baraa na jajjabeessuu ti.
77
Seerri keeti waan na gammachiisuuf, akka le'uuf, marartiin teeti naaf dhuttuu ti.
78
Worri koorameeyyiin dharaan waan na himatanuuf, qaanowanuu ti. Ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
79
Worri si sodaatuu, worri ajaja keeti beeku, gara kiyya deebi'uu ti.
80
Akka ani hin qaanonneef, gadhaan kiyya seera keetitti komii hin qabaatin.
81
Lubbuun tiyya fayyisiisa keeti dharra'iisaan gaggaddi; ani ammoo jecha keetitti addii godhadha.
82
Ilti tiyya dubbii teeti eegatiisaan dadhaddi; ani, «Yoom na jajjabeessita?» jedhee gaafadha.
83
Ani akka qalqalluu daadhii woyni'ii ka aara keessaa shuntuuradhulle, seera keeti hin dedhu.
84
Ani tajaajilaan keeti haga yoomii le'inna laati? Ati worra na miidhutti yoom murta?
85
Worri koorameeyyiin seera keetiif hin ajajanne, boolla naaf qotane.
86
Ajaji keeti martinuu addatama'a; namooti sababa malee waan na miidhanuuf, ati na qarqaar.
87
Isaan diqquma lafa irraa na hin balleessin hafane; ani ammoo ajaja keeti hin lakkinne.
88
Akka ani ajaja keeti eegadhu, jaalala keeti bara baraatiin, jiruu naa kenni.
89
Ee Mootii Waan Maraa, jechi keeti haga bara baraa, ol-gubbaa keessatti jabaatee jiraata.
90
Addatamummaan teeti dhalootaa irraa haga dhaloota maraatitti hin jiraatti; ati lafa daddeerta; isiille jabaattee jiraatti.
91
Wonni martinuu tajaajiltoota teeti waan teeteef, ajaja keetiin haga adhaa jabaattee jiraatti.
92
Seerri keeti adoo na hin gammachiinne teete, rakkinna kiyyaan silaa ani badeeraayyu.
93
Ati seera keetiin jiruu waan naa kenniteef, ani ijjumaa seera keeti hin dedhu.
94
Ani seera keeti waan barbaaduuf, ani keeti; na hamburi.
95
Worri hamaaleyyiin na ijjeesiisaaf na gaadan; ani ammoo ajaja keeti itti deddeebi'ee yaada.
96
Wonni dhidhinna hin qanne marti meessaa akka qaddu dhaggeera; ajaji keeti ammoo meessaa hin qabu.
97
Ani attam attam seera keeti jaaladha! Ani guyyaa guutuu itti deddeebi'ee isa yaada.
98
Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf, diinota kiyya caalaa qaroo na godha.
99
Ani seera keeti itti deddeebi'ee waan yaaduuf, barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.
100
Ani seera keeti waan muummessuuf, maanguddoota caalaa hubantii qaba.
101
Ani jecha keeti eegatiisaaf, miila kiyya karaa hamaa mara irraa eegadheera.
102
Ati waan na barsiitteef, ani seera keeti irraa hin gorre.
103
Jechi keeti arraba kiyyatti attam attam mi'owa! Afaan kiyya keessatti damma caalaa mi'owa.
104
Ani seera keeti irraa hubantii dhaggadheera; tanaaf karaa dharaa mara hin jibba.
105
Jechi keeti miila kiyyaaf issa'a; daandii tiyyaafille ifa.
106
Seera keeti balchicha hordofiisaaf, kakadheera; ittille hin jabaadha.
107
Ani guddoo rakkadheera; ee Mootii Waan Maraa, akka jecha keetiititti jiruu naa kenni.
108
Ee Mootii Waan Maraa, leellisa fedhii tiyyaan sii dhikeessu fudhadhu; seera keetille na barsiisi.
109
Lubbuun tiyya yennaa mara balaa bira jirti; ammoo ani seera keeti hin dedhu.
110
Worri hamaan tiyyoo naaf afe; ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
111
Seerri keeti haga bara baraa dhaala kiyya waan te'eef, gammadi gadhaa kiyyaa isa.
112
Ani haga du'utti, bara baraan seera keeti muummessiisaaf murteeffadheera.
113
Ani worra yaada lamaa jibbe; seera keeti ammoo jaaladhe.
114
Ati addee ani itti dhokadhu; wontee tiyyalle'e. Ani jecha keetitti addii godhadha.
115
Akka ani ajaja Waaqa kiyyaa eegadhu, isin worri waan hantuu hujjanu na irraa fagaadha'a.
116
Akka ani jiru'uun le'u, akka jecha waadaa keetiititti na jabeessi; addii tiyyaan ani hin qaanowin.
117
Akka ani bayu ati na qabi; ani yennaa mara seera keetitti xiyyeeffadha.
118
Malli soba isaanii bu'aa waan hin qanneef, ati worra seera keeti irraa goru mara hin fugussita.
119
Worra hamaa lafa irraa mara ati akka solloqqee sibiilaa hin gatta; tanaaf, ani seera keeti hin jaaladha.
120
Foon kiyya si sodaatee hollate; ani muraa teeti guddoo sodaadhe.
121
Ani waan dhuga'aatii fi haqaa hujeera; ati worra na cunqursuuf na hin lakkisin.
122
Ani tajaajilaan keeti waan dansaa akka dhaggadhu wobii naa te'i; worri koorameeyyiin akka na cunqursu hin lakkisin.
123
Fayyisiisa keetii fi waadaa keeti balchaa san eegatiisaan, ilti tiyya dadhadde.
124
Akka jaalala keeti ka bara baraatitti, ana tajaajilaa keeti qabadhu; seera keetille na barsiisi.
125
Ani tajaajilaa keeti; akka ani seera keeti beeku, hubantii naaf kenni.
126
Ee Mootii Waan Maraa, kolbaan seera keeti waan cassiteef, yennaan ati waan tokko hujju amma.
127
Ani worqii caalaa, worqii qullittii caalaa, ajaja keeti jaaladha.
128
Tanaaf ajaji keeti martinuu, dhugaa akka te'e hin fudhadha; karaa dharaa mara jibba.
129
Seerri keeti maade'e; tanaaf lubbuun tiyya isaaf ajajanti.
130
Hiiki jecha keetii ifa kenna; worra wollaala'aaf hubantii kenna.
131
Ani ajaja keeti waan halcheef, afaan banee eegadha.
132
Akkuma worra maqaa keeti jaalatuuf gootu, gara kiyya deebi'iitii, naa marari.
133
Akka jecha keetiititti ideensa kiyya sooressi; cubbuun akka na mootu hin lakkisin.
134
Akka ani ajaja keeti eegadhu, cunqursaa namaa jalaa na wodi.
135
Ana tajaajilaa keetitti fuula ifi; seera keetille na barsiisi.
136
Seerri keeti waan hin eegaminiif, imimmaan ila tiyya keessaa akka bisaanii yaati.
137
Ee Mootii Waan Maraa, ati balcha'a; muraan teetille dhuga'a.
138
Ati balchumma'aa fi addatamummaa guutu'uun, seera keeti baacheerta.
139
Diinoti kiyya jecha keeti waan dedhaneef, hinaaffaan tiyya na laalessite.
140
Jechi keeti guddoo qulqullicha; ani tajaajilaan keetille isa jaaladha.
141
Ani nama diqqaa tuffatama'a; te'ulle ajaja keeti hin deenne.
142
Balchummaan teeti balchummaa haga bara baraa ti; seerri keetille dhuga'a.
143
Rakkinnii fi farri na dhaqqabeera; ajaji keeti ammoo na gammachiisa.
144
Ajaji keeti haga bara baraa dhuga'a; akka ani jiru'uun le'u hubantii naaf kenni.
145
Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan gara keeti iyya. Ati deebii naaf kenni; anille seera keeti hin eegadha.
146
Ani gara keeti iyya; na baasi; anille seera keeti hin eegadha.
147
Ani adoo boruun hin dayya'in ka'ee, qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya; jecha keetitti addii godhadha.
148
Jecha keeti itti deddeebi'ee yaadiisaaf, ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne.
149
Akka marartii teetiititti qoonqoo tiyya dhage'i; Ee Mootii Waan Maraa, akka seera keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
150
Worri mala hamaa baafatanee na miidhanu, natti dhikaataneeran; ammoo seera keeti irraa fagaataneeran.
151
Ee Mootii Waan Maraa, ati dhikoo jirta; ajaji keeti marti dhuga'a.
152
Bara baraan akka jiraatuuf, akka ati seera keeti baache, yennaa dheertu'uun dura seera keeti irraa baradheera.
153
Ani seera keeti waan hin dedhiniif, ati rakkinna kiyya ilaaliitii na baasi.
154
Haajaa kiyya naaf falmiitii, na wodi. Akka waadaa keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
155
Worri hamaan seera keeti waan hin barbaanneef, fayyinni isaan irraa fagaateera.
156
Ee Mootii Waan Maraa, marartiin teeti guddo'o; akka seera keetiititti lubbuu tiyya hamburi.
157
Worri na miidhuu fi diinoti kiyya heddu'u; ani ammoo seera keeti irraa hin gorre.
158
Worri hin addatanne jecha keetii waan hin eeganneef, ani isaan ilaalee diqadhe.
159
Ajaja keeti attam akka ani jaaladhu ilaali; Ee Mootii Waan Maraa, akka marartii teetiititti, lubbuu tiyya hamburi.
160
Jechi keeti martinuu dhuga'a. Seerri keeti balchichi martinuu ka haga bara baraa ti.
161
Qondaaltoti sababa malee na miidhan; ani ammoo gadhaa sodaatuun jecha keeti ulfeessa.
162
Akka nama boojuu guddoo dhaggatee, ani jecha keetitti gammada.
163
Ani dhara jibba; hin diqadhalle'e; seera keeti ammoo hin jaaladha.
164
Seera keeti balchaa saniif, guyya'atti yennaa torba ani si leellisa.
165
Worri seera keeti jaalatu nageya guddaa qaban; wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.
166
Ee Mootii Waan Maraa, ani addi'iin fayyisiisa keeti eegadha; ajaja keetille hin muummessa.
167
Lubbuun tiyya seera keeti hin eegatti; anille guddisee seera san jaaladha.
168
Hujiin tiyya martinuu si duratti ifa waan teeteef, ani ajaja keetii fi seera keeti hin eegadha.
169
Ee Mootii Waan Maraa, iyyi tiyya si bira geettuu ti; akka jecha keetiititti hubantii naaf kenni.
170
Gaaffiin tiyya si bira geettuu ti; akka waadaa keetiititti na baasi.
171
Ati seera keeti waan na barsiittuuf, afaan kiyya leellisa hin dhangalaasa.
172
Seerri keeti marti balchaa waan te'eef, arrabi kiyya marroo waadaa keetii faarsuu ti.
173
Ani ajaja keeti waan filadheef, harki keeti na qarqaariisaaf qophowuu ti.
174
Ee Mootii Waan Maraa, ani fayyisiisa keeti halcha; seerri keetille gammada kiyya.
175
Akka si leellisuuf ani lubbuu jiraadhuu ti; seerri keeti na qarqaaruu ti.
176
Ani akka hoolee baddee karaa irraa goreera; ani seera keeti waan hin dedhiniif, ati ana tajaajilaa keeti barbaadi.
← Chapter 118
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 53
Chapter 54
Chapter 55
Chapter 56
Chapter 57
Chapter 58
Chapter 59
Chapter 60
Chapter 61
Chapter 62
Chapter 63
Chapter 64
Chapter 65
Chapter 66
Chapter 67
Chapter 68
Chapter 69
Chapter 70
Chapter 71
Chapter 72
Chapter 73
Chapter 74
Chapter 75
Chapter 76
Chapter 77
Chapter 78
Chapter 79
Chapter 80
Chapter 81
Chapter 82
Chapter 83
Chapter 84
Chapter 85
Chapter 86
Chapter 87
Chapter 88
Chapter 89
Chapter 90
Chapter 91
Chapter 92
Chapter 93
Chapter 94
Chapter 95
Chapter 96
Chapter 97
Chapter 98
Chapter 99
Chapter 100
Chapter 101
Chapter 102
Chapter 103
Chapter 104
Chapter 105
Chapter 106
Chapter 107
Chapter 108
Chapter 109
Chapter 110
Chapter 111
Chapter 112
Chapter 113
Chapter 114
Chapter 115
Chapter 116
Chapter 117
Chapter 118
Chapter 119
Chapter 120
Chapter 121
Chapter 122
Chapter 123
Chapter 124
Chapter 125
Chapter 126
Chapter 127
Chapter 128
Chapter 129
Chapter 130
Chapter 131
Chapter 132
Chapter 133
Chapter 134
Chapter 135
Chapter 136
Chapter 137
Chapter 138
Chapter 139
Chapter 140
Chapter 141
Chapter 142
Chapter 143
Chapter 144
Chapter 145
Chapter 146
Chapter 147
Chapter 148
Chapter 149
Chapter 150
Chapter 120 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52
53
54
55
56
57
58
59
60
61
62
63
64
65
66
67
68
69
70
71
72
73
74
75
76
77
78
79
80
81
82
83
84
85
86
87
88
89
90
91
92
93
94
95
96
97
98
99
100
101
102
103
104
105
106
107
108
109
110
111
112
113
114
115
116
117
118
119
120
121
122
123
124
125
126
127
128
129
130
131
132
133
134
135
136
137
138
139
140
141
142
143
144
145
146
147
148
149
150