bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 Corinthians 1
1 Corinthians 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa,
2
wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaaf waamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf:
3
Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
4
Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateefadha.
5
Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkunsaan duroontaneertan.
6
Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti.
7
Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne.
8
Haga guyya dhufa Gootta keenna Yesuus Kiristoosititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha.
9
Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a.
10
Obboleeyyan tiyya, gargar bayiis odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.
11
Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee anatti himaneeran.
12
Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, “Ani ka Phawuloosii ti”; ka dhibiin, “Ani ka Apholoosii ti”; kuun, “Ani ka Pheexroosii ti”; ka biraa, “Ani ka Kiristoosii ti” jettan.
13
Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookin isin maqaa Pawuloosiitiin cuuphantanee?
14
Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha.
15
Tanaaf nami tokkolle, “Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan” jedhiisa hin dande'u.
16
Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu.
17
Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf ana hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammaddaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.
18
Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunnna Waaqaa ti.
19
Barreeffama Woyyicha keessatti, “Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa; beekkunsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga” jedha.
20
Maarre qaroon meeti? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meeti? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu?
21
Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beennne waan godheef, barsiisa akka gowwummaatti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffattu fayyisiisaaf fedhi Waaqa te'eera.
22
Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan.
23
Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a.
24
Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti.
25
Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti.
26
Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti.
27
Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu foyate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu foyate.
28
Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilallamu akka hin jire godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittu hin laakkowanne foyate.
29
Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.
30
Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe.
31
Maarre Barreeffam Woyyichi, “Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti” jedha.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16