bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
1 Corinthians 5
1 Corinthians 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii akka niiti'ii godhateeru jira.
2
Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu tessaniin baasa'a.
3
Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutti te'e nama waan farra akkasii hujee irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera.
4
Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolta dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf,
5
nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuun nama kanaa akka fayyituuf tana gootan.
6
Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu?
7
Akkuma amma jirtanutti akka bukoo hareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera.
8
Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeena qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.
9
Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera.
10
Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu.
11
Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.
12
Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree?
13
Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, “Nama hamaa wodhakkaa tessaniin baasa'a” jedha.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16