bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
2 Timothy 1
2 Timothy 1
Oromo Bible (Guji) 2007
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
1
Ana Phawuloosii, waadaa jiru'uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa,
2
ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti'ii fi nageya siif kennu.
3
Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkaniif fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabbadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha.
4
Imimmaan teeti qaabbataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada.
5
Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabbadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera.
6
Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa.
7
Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
8
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif ana woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin.
9
Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura kara Kiristoosiitiin nu'uuf kenname.
10
Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du'a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru'uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhiffameera.
11
Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama'aa fi barsiisaa te'ee filameera.
12
Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een anatti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera.
13
Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf ana irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.
14
Waan dansaa maganne'een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi.
15
Worri biyya Asiya'aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa'alle akka ana bagane hin beetta.
16
Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne;
17
ammoo akkuma biyya Rooma'aa geyeen, asii fi achi barbaadee ana dhagge.
18
Guyyaa muumme'ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni anaaf ergame atinuu akka dansaa beetta.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4