bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
2 Timothy 4
2 Timothy 4
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
1
Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa.
2
Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophayi; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiis.
3
Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan.
4
Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan.
5
Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi.
6
Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti.
7
Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera.
8
Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa anaaf qophoyeera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi anaaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna.
9
Ariiti'iin akka teete te'ii koyi.
10
Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, ana lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera.
11
Luqqaas qofattuu ana bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koyi.
12
Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera.
13
Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota mara'aalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame anaaf fidi.
14
Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna.
15
Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu.
16
Ani waan itti himataameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle ana qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin!
17
Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna anaaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure.
18
Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen.
19
Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi.
20
Erasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise.
21
Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koyi. Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti dhiibiille nageya sii dhamaneeran.
22
Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
All chapters:
1
2
3
4