bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
John 21
John 21
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
1
Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas:
2
Simoon Pheexroos, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabedewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhiibiin lamaan woliin jiraniiyyu.
3
Simoon Pheexroos, “Ani qurxummii guuriisa dhaqaara” isaaniin jedhe. Isaanille, “Nuutille si woliin dhandhaa” jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne.
4
Yenna aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne.
5
Achiin duuba inni isaaniin, “Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Waawwo'o” jedhanee deebisane.
6
Inni isaaniin, “Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan” jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
7
Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, “Gootta'aa be!” jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale.
8
Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa calla lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane.
9
Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane.
10
Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Qurxumuma amma qabattane irraa fida'a” jedhe.
11
Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane.
12
Yesuus isaaniin, “Kowa'aa diiranteeffadha'a!” jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, “Ati eennu?” jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru.
13
Maaarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurximmiille akkasuma godhe.
14
Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
15
Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, “Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Inni, “Ee, Goottaa, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise. Yesuus isaan, “Ilmoolee tiyya dheedisiis ” jedhe.
16
Yesuus lammeessoo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallattaa?” jedheen. Inni, “Ee, Gootta'a, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise. Yesuus, “Buruusoo tiyya tissi” jedheen.
17
Yesuus yennaa sadeesso'oo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallatta?” jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, “Ana jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedheen; Yesuus, “Hoolee tiyya bobbaas” jedheen.
18
Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriiffatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaallanne si geessa” jedheen.
19
Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, “Na hordofi!” isaan jedhe.
20
Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaallatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, “Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?” jedhee gaafate.
21
Pheexroos yennaa isa dhagge, “Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?” jedhee Yesuus gaafate.
22
Yesuus, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi” jedheen.
23
Maarre oduun, “Barataan kun hin du'u” jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?” jedhe malee, inni hin du'u hin jenne.
24
Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
25
Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuyyuu jedhee herrega.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21