bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
John 5
John 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
1
Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe.
2
Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin “Betzataa” jedhanti.
3
Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisaatti jiraniiyyu.
4
Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.]
5
Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu.
6
Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, “Fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
7
Namichi dhibamaan sun, “Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena” jedhee deebise.
8
Yesuus, “Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi” jedheen.
9
Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. Guyyaan wonni sun teete sanbata.
10
Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, “Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga” jedhane.
11
Inni deebisee, “Namicha na fayyisetti, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ anaan jedhe” isaaniin jedhe.
12
Isaan, “Namichi, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ siin jedhe eennu inni?” jedhanee isa gaafatane.
13
Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne.
14
Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, “Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin” jedheen.
15
Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime.
16
Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane.
17
Yesuus, “Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba” isaaniin jedhe.
18
Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane.
19
Maarre Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha.
20
Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa.
21
Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna.
22
Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera;
23
Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.
24
Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka ana ergele'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiruu tareera; isatti hin murantu.
25
Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a.
26
Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera.
27
Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera.
28
Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qooqoo isaa dhage'u hin dhutti;
29
awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an.
30
“Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a.
31
“Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu.
32
Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhiibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka.
33
Isin ergantoota teessan gara Yohaanniisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye.
34
Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu.
35
Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane.
36
Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya anaa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati.
37
Abbaan kiyya ka ana ergeeyyuu dhugaa anaaf bayeera. Isin ijjumaa qooqoo isaa hin dhageenne yookiin fuula isaa ijjumaa hin dhaggine;
38
ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne.
39
Isin Baarreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!
40
Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu!
41
“Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu.
42
Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka.
43
Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo ana hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan.
44
Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam anatti dhugeeffatiisa dandeettan ree?
45
Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyna'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata.
46
Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf baarreeseef anatti hin dhugeeffattaniiyyu.
47
Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan?
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21