bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
1 John 1
1 John 1
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Nu waan Dubbi jireenna ta haguma duriiti jirtu t'aamna: nu ya gurra keennaani d'ageenne, ila teennaani agarre dawanne, harka keennaani tunne.
2
Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna.
3
Nu waan argine d'ageenne isanileti himna, aka isanileeni wold'aqisa nu Abbaafi Ilma isaa Yeso Kristo iraa qamnu argattani.
4
Ammalle aka gammadi keenna qit'aufi waan kana t'aamna.
5
D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.
6
Yo nu Waaqaani wold'aqisa qamna jenne, ammo dukana keesa yaane, nu d'ara dubbanne d'ugaani nu keesa injirtu.
7
Ammo yo akuma inni ifse keesa jiru nuleeni ifise keesa jiraanne wold'aqisa qamna; ammalle d'iigi Yeso, Ilma Waaqa daba keenna ch'ufa nura d'iqe qulqulleesa.
8
Yo, Nu daba inqamnu jenne, ufi somne, d'ugaani nu keesa injirtu.
9
Ammo yo daba keenna Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati; daba keenna nu araarame, ch'ubbu teenna ch'ufa qulqulleesa.
10
Yo, Nu daba intolchine jenne, isa d'areesina, dubbini isaleeni nu keesa injirtu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5