bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
1 John 5
1 John 5
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.
2
Kara kanaani aka nu ijoolle Waaqaa jaalannu beenna: yo Waaqa jaalanne seera isaa guunne.
3
Jaalalti Waaqa tana: aka seera isaa guunnu. Seeri isaleeni nama ind'ibu,
4
waan ijoolleeni Waaqaa ch'ufti lafa dabsachu dandeetuufi. Akanaani lafa dabsanna: d'ugefacha teennaani.
5
Eentu dandae lafa dabsata: nama aka Yesoni Ilma Waaqa d'ugefatu male?
6
Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.
7
D'uga saditi jira,
8
Lubbufi bisaanifi d'iiga; worri sadeenu waan taka dubbata.
9
Nu d'uga nami dubbatu ind'ugefanna; ta Waaqi jed'u hagasi ira jabduu, ammalle d'ugaani, inni waan Ilma isaa ya d'ugeese.
10
Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.
11
D'ugaleeni tana: Waaqi ya jireenna hegeri nuu kenne, jireenni kunini Ilma isaa keesa jira.
12
Nami Ilma qabu ch'ufti jireenna kana inqaba; nami Ilma Waaqa inqamne jireennale inqabu.
13
Wonti anini waan kana isanii t'aafuufi, aka isani aka jireenna hegeri qabdani hubattani — isani worri Ilma Waaqa d'ugefatu.
14
Maro waan kanatifi nu fuula Waaqa durati insodaannu; nu abdi qamna aka waan nu feenu ch'ufa inni nuu kennu, yo nu fed'i isaa gula kad'anne.
15
Yo nu isa yaamannu ch'ufa inni nuu d'agaya; maro nu aka wonti kunini d'uga beennuufi, nu aka inni waan nu kad'annu ch'ufa nuu kennu imbeenna.
16
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.
17
Wollaali ch'ufti daba, ammo dabi nama inijeemne injira.
18
Nu imbeenna aka ijoolleeni Waaqaa daba hojja ch'ufa intolchine wonti akanatiifi Ilma Waaqati isi qorqorata aka hamaani kaani dandae woma isi intolchine.
19
Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.
20
Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.
21
Ijoolle tiyya, waaqoota d'ara lagad'a!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5