bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Deuteronomy 6
Deuteronomy 6
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
1
Tunini aadaafi seera AABBO Waaqi keesani worra kana barsiisi, gorsi naani jed'e. Lafa isani amma tana fud'atani iti qubachuu geettani tana keesati jabeesa guuta.
2
Haga jirtani isanifi ilmaani teesanifi d'alooti keesanileeni ch'ufti. AABBO Waaqa keesani guddiftani aadaafi, seera isaa, ka anini isanii kennu kana, guutuu maltani, aka lubbuuni teesani lafa suni irati d'eerattu.
3
Tanaafi isani worri Israeli seera kana d'agaya, guuta! Yo akasi taatani, wonti ch'ufti isaanii tolte nagaya isanii taati, duuba isani lafa aananifi dammi, aka lola yau keesati hortani daraartani, akuma AABBO Waaqi, Waaqi abbooti teesani isaniti kakhate kaani.
4
Ee Israeli, d'agaya! AABBO Waaqa keenna male waaqi d'ibiini injiru.
5
AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani aka jaba jaalad'a.
6
Dubbini anini arra isaniini jed'e tunini garaa keesani keesaa imbahini.
7
Ilmaani teesani aka dansaa dubbi tana barsiisa. Worra keesa taanaani, ala taanaani, yo raftanifi yo kaatanile qaabsisa.
8
Aka beesisa harkaafi addaleti hid'ad'a.
9
Mikhikha balbalaa manatifi ka fullole irati t'aafa.
10
Akuma AABBO Waaqi keesani ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobooti kakhate, akuma suni inni lafa dira gugurda dadansa, ka isani iniijaariini, isanii kenna.
11
Maneeni dira suni waan dadansa isani keesa inaqiiniini guutamte, ammalle arti, eellani isaani inqotiinifi mukha zabibutifi ka ejersa ka isaani inoobriniti jira. Hojja AABBO Waaqi lafa taanatiini isaani d'ufe waan feetani ch'ufa nyaattani quuftani,
12
eegad'a aka AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti tatani, keesa isaani baase, indeene.
13
AABBO Waaqa keesani sodaad'a isa ch'alla hojad'a, maqa isaa ch'allaani kakhad'a.
14
Waaqoota d'ibi, worra d'aatu teesani jiru, gula iyyaaiina.
15
Yo gula yaatani AABBO Waaqi aka jaba isaniti dallane, d'ufe isani gube lafa ira isani balleesa; wonti akanatiifi AABBO Waaqa keesani, ka isani woliini jiru kunini, nama isa biraani Waaqa d'ibi kad'atu inoobsu.
16
Akuma gaafa lafa Massati kaani taatani, AABBO Waaqa keesani inilaalatina.
17
Aadaafi seerafi dubbi inni isani barsiisele jabeesa guuta.
18
Waan dansaafi qajeeltu AABBO Waaqi tolcha jed'u, tolcha, duuba wonti ch'ufti isanii tolti. Ammalle lafa gabbo AABBO Waaqi ababoota teesani kakhate dandeetani fud'atani iti qubattani,
19
nyaapa keesanile akuma inni khakhate ufi duraa baaftani.
20
Yo taka tana ijoolleeni teesani isani gaafate, maanifi AABBO Waaqi keenna seera kana ch'ufa guuta nuni jed'e? jette.
21
Waan isani jettaniini, Nu duri lafa Misiri keesati tisse Faraoti, jennaani AABBO Waaqi jabeenna isaa guddaani lafa suni keesaa nu baase.
22
Nu iluma teennaani waan mamatiifi waan nama sodaachisa ka inni worra Misiritiifi Faraofi worra isaa ch'ufati tolche, argine.
23
Inni lafa suni keesaa nu baase, armaani nu d'ufe, lafa tana nuu kenne, akuma inni ababoota teennati khakhate.
24
Jennaani AABBO Waaqi keenna seera kana ch'ufa guuta na sodaad'a jed'e nu barsiise. Yo akasi taane, inni nu tisse, nu qorqorate, badi nu d'owe nu duroomsa.
25
Guddo ira nuu jirti, yo nu waan Waaqi jed'e kana aka dansaa garaa tokooni jabeesine guunne; innileeni nuraa gammada.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34