bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
/
Numbers 31
Numbers 31
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
1
AABBO Waaqi waan Musani jed'e,
2
Worra Midiani waan worri gumi Israeli tolcheefi haalo baasiifi. Eegi halo suni baafte indoota.
3
Duuba Musani waan biyyaani jed'e, Had'iisa kurfefad'a, aka Midiani haatani waan worri AABBO Waaqa tolche haalo baaftani.
4
Gosa Israeli ch'ufa keesa nama kunki toko duula erga.
5
Duuba nama kunki toko gosa ch'ufa keesa fohatani, nami kunki kud'ani lama, lola kurfae.
6
Musani worra kana ch'ufa had'iisa erge, ka Finehasini, ilmi qaallicha Eleazari, abba duula suni, ammalle ka inni miha Fulla Qulqullootifi magalata lola harkaa qabu.
7
Jennaani worri worra Midiani had'e, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e, nama d'iira ch'ufa hobaasani,
8
hayyoota Midiani shananile woliini: maqaani hayyoota shanani suni tana: Evi, Rekemu Suri, Huri, Reba. Ammalle Balamu ilma Beorile ijeesani.
9
Worri Israeli nad'eenifi ijoolle Midiani ch'ufa boojie, loonifi ree worrale ch'ufa fud'atini, waan worri qabu ch'ufa saamani,
10
dirafi ollowaani worra ch'ufa gubani.
11
Worri waan saamanifi ka boojiani suni ch'ufa, namafi saale,
12
Musafi Eleazarifi gumi Israeli, ta diida Moabu, ka hojja arti ejani Yerikoni galaana Yordani gamaa, nama dura mullatuti worra duraani d'ufani.
13
Musafi Eleazarifi jaaroleeni gosa Israeliti mataa ch'ufti worraa baate duula yoyo fulla keesa yaate.
14
Musani abbooti duula ta nama kunki tokotifi nama d'ibba tokofati mata ta duula galteti dallane,
15
waan jed'eeni, Isani maanifi nad'eeni taana hambiftani?
16
Isani imbeetani, aka nami dubbi Balamu gula bahe lafa Peoriti AABBO Waaqa iraa biyya gorse balleese nad'eeni? Wonti ch'iisa d'ukuba hama kaani gumi AABBO Waaqatini d'ufe suniniti?
17
Tanaafi amma ijoolle d'iira ch'ufafi nad'eeni ch'ufa fit'a.
18
Ammo ijoolle dubra ch'ufa lakifad'a.
19
Isani nami nama ijeese yokhaani reefa qabate, haga bulti torba worra keesa alati gala. Guyya sadeesotifi ka torbeesole nama isani boojitanifi ufile qulqulleesa.
20
Ammalle gaad'a nafa keesani ch'ufafi waan goga ira mid'aasanifi, waan rifeensa reetifi mukhaani mid'aasani ch'ufa qulqulleesa.
21
Qaallichi Eleazari waan jara duula galeeni jed'e, Kunini seera AABBO Waaqi Musaa kenne.
22
Waan ibidi gubu indandeenne worqi taanaani, qarsi taanaani, sibiila diima taanaani, sibiila guraacha taanaani, saldaqa taanaani sibiila d'ibi taanaani, ibidaani qulqulleesu malani. Suni male, waan d'ibi ch'ufa ha bisaanini qulqulleesaniti.
24
Guyya torbeeso woya teesani miich'ad'a; duuba isani qulqulluma teesaniti deebitani ollati dachaatani.
25
AABBO Waaqi waan Musani jed'e,
26
Siifi Eleazarini jaarole gumi taani woliini, waan boojiani ch'ufa, namafi saale ch'ufa, hedu maltani.
27
Waan boojiani ch'ufa fulla lamati gargari qooda, qooda toko jara duula d'aqe qooda, kaani gumi lakisa.
28
Qooda duula suni keesa, d'iba shani keesa toko, nama taanaani, looni taanaani, harre taanaani, hoolafi laleesa taanaani, damoosa AABBO Waaqaa baasa.
29
Damoosa suni ch'ufa qaallicha Eleazariti Kenna, ha inni AABBO Waaqa baasuti.
30
Qooda gumi kaanile, shantama keesa toko, nama taanaani, looni taanaani, harre taanaani, hoolafi laleesa taanaani, fuud'a, worra Lawi ka huji Waaro Woyyuma harkaa qabu, kenna.
31
Musafi Eleazarini waan AABBO Waaqi jed'e tolchani.
32
Tunini henna waan worri duula suni boojie, waan worri fud'ate male: hoolafi laleesa 675,000 looni 72,000, harreeni 61,000, dubra 32,000.
36
Qoodi duula kennani kaani, hoolafi laleesi 337,500 tana keesa damoosi AABBO Waaqaa baasani 675; looni duulla qoodani 36,000, kana keesa damoosi AABBO Waaqaa baasani 72; harreeni duula qoodani 30,500 tana keesa damoosi AABBO Waaqaa baasani 61; ammalle dubarti worra duulati qoodani kunki kud'ani jaa tana keesa damoosi AABBO Waaqaa baasani 32.
41
Duuba Musani damoosa kana, ka AABBO Waaqaa baasani, qaallicha Eleazari kenne, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e.
42
Qoodi gumitifi ka worra duula kaani haguma taka: hoolafi laleesi 337,500, looni 36,000, dubarti 16,000.
47
Qooda kana ch'ufa keesa Musani, shantama ch'ufa keesaa, namafi saale toko fuud'e, akuma AABBO Waaqi isaani jed'e, worra Lawi, ka huji Waaro Woyyuma harkaa qabu, kenne.
48
Jennaani worri abbooti duula kaani gara Musa d'aqe
49
waan jed'eeni, Nu worra keenna ka duula ch'ufa ya tohanne nami tokoleeni ka nu keesa d'abani injiru.
50
Tanaafi nu amma faaya worqitiifi, waan irreefi harkati keeyatanifi, qube qabatifi, gurrale, yokhaani imule d'ufuniti jirra. Nu waan kana ch'ufa Lubbu teenna jenne AABBO Waaqaa baafna, aka inni nu qorqoratu.
51
Musafi qaallichi Eleazarini faaya worqi fud'atani.
52
Henni worqi ka abbootini duula baafte, ulfinni isii diquma kilo d'iba lama hanqata.
53
Nami abbaa duula intahini waan boojie fud'ate.
54
Duuba Musafi qaallichi Eleazarini worqi suni abbooti duula iraa fuud'ani Waaro Woyyumatiini d'ufani, aka AABBO Waaqi gumi Israeli qaabate qorqoratu.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36